Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:38

[1] Hojii guddaa dinqisiisaa waan hojjeteef, faarfannaa haaraadhaan Waaqayyoon faarfadhaa! Harki isaa inni mirgaa, irreen isaa inni qulqulluunis, mo'icha isa argachiisaniiru.

[2] Waaqayyo mo'uu isaatiin fayyisuu isaa beeksiseera, saba lafa irraa durattis gocha isaa isa qajeelaa mul'iseera.

[3] inni gaarummaa isaa fi amanamummaa isaa, mana Israa'eliif yaadateera; warri andaara lafaa jiran hundinuu fayyisuu Waaqayyo keenyaa arganiiru.

[4] Yaa guutummaa lafaa, Waaqayyotti gammaduu kee guddisii dhageessisi, weedduu gammachuu guddisii dhageessisi, ililleedhaanis faarfadhu!

[5] Sagalee kiraara guddaatiin, kiraaraa fi sagalee faarfannaatiin Waaqayyoon jajadhaa!

[6] Fiingee fi fiinoo afuufaa, Waaqayyo mooticha durattis gammaduu keessan guddisaa dhageessisaa!

[7] Galaanni, wanti isa keessa guute, biyyi lafaa, warri isa keessa jiraatanis haa huursan!

[8] Lagoonni harka isaanii walitti haa rukutan, tulloonni walii wajjin haa ililchan!

[9] Waaqayyo lafaaf firdii kennuuf waan dhufuuf, fuula isaa duratti kana haa dhageessisan! inni qajeelummaadhaan biyya lafaaf firdii in kenna, saba hundumaas qajeeltootti firdii in dhageessisa.

Macaafota Faarfannaa — Chapters