Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:39

[1] Sabni biyya lafaa maaliif raafaman” Namoonnis maaliif akkasumaan itti koratan”

[2] Waaqayyoon, isa inni dibee moosiseenis mormuudhaaf, mootonni lafa irraa in ka'u, warri biyya seerratanis walii wajjin taa'anii in mari'atu.

[3] Isaan,“Kottaa hidhaa isaanii of irraa in cabsinaa! Funyoo isaaniis of irraa in darbannaa!” in jedhu.

[4] Inni bantiiwwan waaqaa gara irraa taa'u itti in kolfa, gooftichi isaanitti in ga'isa.

[5] Kana booddee gooftichi aarii isaatiin isaanitti in dubbata, dheekkamsa isaatiinis isaan in naasisa;

[6] itti fufees,“Ani mootii isa kan kootii immoo Xiyoon tulluu koo isa qulqulluu irra teessiseera” in jedha.

[7] Ani mootichi seerrata Waaqayyoo himuufan jira, inni anaan,“Ati ilma koo ti, ani har'an si dhalche;

[8] ana kadhadhu, anis saba hundumaa kan kee akka godhattuuf, laftis hamma andaara isaatti qabeenya kee akka ta'uuf siif nan kenna;

[9] ati ulee sibiilaatiin isaan in cabsita, akka qodaa suphees isaan in hurreessita” jedhe.

[10] Kanaaf isin mootota nana qalbii godhadhaa! Isin warri biyya lafaa seerratanis gorfamaa!

[11] Sodaadhaan Waaqayyoof hojjedhaa! Rom'aanis miilla isaa dhungadhaa!

[12] Kanaa achi inni in dheekkama, isinis karaa kanatti baduu keessan; dheekkamsi isaa dafee in boba'ao! Warri isatti kooluu galan haa gammadan!

Macaafota Faarfannaa — Chapters