[1] Gaarummaan Waaqayyoo guyyaa hundumaa achuma jira; ati immoo yaa nama dira'aa, hamaa hojjechuu keetiin maaliif of jajja ree”
[2] Yaa isa haxxummaadhaan hojjettuu, itti yaaddee wanta badiisaa in qopheessita; arrabni kee akka qarabaa qaramaa dha.
[3] Ati wanta gaarii caalaa wanta hamaa, dhugaa dubbachuu caalaas soba in jaallatta.
[4] Yaa arraba haxxumaa dubbattuu, ati dubbii badiisaa in jaallatta.
[5] Waaqayyo garuu yeroo hundumaaf gad si cabsuuf jira; godoo kee keessaa butee si baasuuf jira; biyya warra jiraatoo keessaas hundeedhaan si buqqisa.
[6] Warri qajeelonni kana arganii in sodaatu, namichatti garuu kolfaa in dubbatu,
[7] “Ilaa namicha isa Waaqayyoon da'oo isaa hin godhanne, qooda kanaa baay'ina sooruma isaa amanatee, badiisa fiduu isaatiinis jabaa of se'e” in jedhu.
[8] Ani garuu akka muka ejersaa, isa mana Waaqayyoo keessatti lalisaa guddatuu ti; yeroo hundumaas bara baraan gaarummaa Waaqayyo nan amanadha.
[9] Ati kana waan gooteef, ani yeroo hundumaa galateeffachaa sin jajadha; namoota siif of kennan durattis, maqaa kee isa gaarii abdiidhaan nan waammadha.