Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:06

[1] Yaa Waaqayyo, mootiin humna ati argisiiftutti in gammada, mo'icha akka inni argatuuf gargaaruu keetiif gammachuu guddaa attamii in qabaata!

[2] Hawwa garaa isaa isaaf kenniteetta, waan inni sitti himates isa hin dhowwanne!

[3] Ati waan gaariidhaan isa eebbisuuf gara isaa dhufteetta, gonfoo warqee qullaa'aa irraa hojjetames mataa isaa irra keesseetta.

[4] Inni jiraachuudhaaf si kadhate, atis jireenya in laatteef, guyyoota jireenya isaas baraa hamma bara baraatti dheeressiteef.

[5] Mo'icha akka inni argatuuf gargaaruu keetiin ulfinni isaa guddaa ta'e; surraa fi simboos isa irra in keesse.

[6] Inni yeroo hundumaaf eebba akka ta'uuf isa in dhaabda, dhageettii gammachuu si duratti argamuudhaan dhufuunis isa in gammachiifta.

[7] Mootichi Waaqayyoon in amanata, gaarummaan aabbaas akka inni hin mittiqne in godha.

[8] Harki kee diinota kee hundumaa bira in ga'a, harki kee mirgaas warra si jibban bira in ga'a.

[9] Yeroo ofii kee argisiiftutti gubaa akka iddoo ibiddaa isaan in goota; Waaqayyo dheekkamsa isaatiin isaan in fixa, ibiddis xaph isaan in godha.

[10] Ati dhala isaanii lafa irraa, sanyii isaaniis ilmaan namootaa keessaa in balleessita;

[11] hamaa yoo si irratti yaadan, yoo si irratti koratanis, fiixaan baafachuu hin danda'an.

[12] Atoo fuula duraan iddaa kee isaanitti in qabda, dugda duuba deebi'anii akka baqatanis in goota.

[13] Yaa Waaqayyo aangoo keetiin ka'i! Nuyi humna kee in faarfanna, mi'a garaa garaatiinis faarfannaa in dhageessifna.

Macaafota Faarfannaa — Chapters