Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:02

[1] Namni Waaqayyoon sodaatu hundinuu, inni karaa isaa irra adeemus gammachuu qaba!

[2] Wanta harka keetiin itti dadhabdee argatte in nyaatta, ati in gammadda, gaariittis in jiraatta.

[3] Haati manaa kee mana kee keessatti akka muka waynii ija godhatuu in taati; ijoolleen kees naannoo maaddii keetti akka lataa muka ejersaa in ta'u.

[4] Kunoo, namni Waaqayyoon sodaatu, akka kanatti in eebbifama.

[5] Waaqayyo tulluu Xiyoon irraa si haa eebbisu, bara jireenya kee guutuuttis, Yerusaalem bal'inatti jiraachuu ishee argii gammadi!

[6] Ijoollee ijoollee keetiis argi! Nagaan Israa'eliif haa ta'u!

Macaafota Faarfannaa — Chapters