Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:04

[1] Waaqayyo tiksee koo ti, ani homaa hin dhabu!

[2] Inni marga lalisaa keessa akkan boqodhu in godha, gara laga itti aara galfataniittis na geessa;

[3] inni lubbuu anatti in deebisa, maqaa isaatiif jedhee daandii qajeelaa irra na geggeessa.

[4] Ani bowwaa dukkanaa'aa sodaachisaa keessa yoon adeeme iyyuu, hamaan anatti dhufa jedhee hin sodaadhu; ati anaa wajjin jirta, uleen keetii fi dhaabbanni kee ana in jajjabeessu.

[5] Utuma warri na cunqursan ilaalanii, ati maaddii anaaf in dhi'eessita mataa koos dhadhaa ejersaa in dibda, xoofoon koos guutee irra in dhangala'a;

[6] eyyee, bara jireenya koo hundumaatti gaarummaan kee fi arjummaan kee ana duukaa in bu'u; guyyoota kana hundumaafis mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha.

Macaafota Faarfannaa — Chapters