Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:55

[1] Yaa Waaqayyo, gurra kee gara kadhata kootti qabi, himata koo jalaas hin didin!

[2] Ati ana dhaggeeffadhu, anaaf deebisis! Dhibeen koo na joorsee nagaa na dhowweera.

[3] Diinonni anatti in iyyu, namoonni jal'oonni gad na qabu, isaan badiisa na irratti in fidu, aarii isaaniitiinis diina anatti in ta'u.

[4] Keessa kootti lapheen koo in sirba; naasuun du'aas ana irratti lafa in dha'e.

[5] Sodaanii fi rom'i na qabatan, pherpheramnis guutummaatti na raase.

[6] Utuu ani akka gugee baallee qabaadhee, balali'ee iddoo tokko nan boqodhan ture.

[7] Silaa illee jalaa baqadhee achis fagaadhee, lafa namni hin jirre nan bubbulan ture.

[8] Qilleensa jabaadhaa fi bubbee jalaas, gara iddoo baqannaa kootti nan ariifadhan ture.

[9] Akka isaan wal hin hubanne godhi, afaan isaaniis gargar baasi, yaa gooftaa! Humnaan wal irratti ka'uu fi qoccolloo, mandarattii keessatti argeera.

[10] Halkanii fi guyyaas masaraa ishee irra in naanna'u, hamminni, jal'innis mandarattii keessa jira;

[11] keessa ishee badiisatu jira, gabaa ishee keessaas nama gad qabuunii fi gowwoomsuun hin mittiqu.

[12] Diinatu ana arrabsa utuu ta'ee, nan baadhan ture; isa na jibbutu anatti of gurguddisa utuu ta'ee, isa duraa nan sokkan ture.

[13] Amma garuu situ kana godhe, si isa hiriyaa kootii, nama garaa kootii, nama ani ba'eessa godhee beekus,

[14] si isa haasaan keenya walitti miyaa'e, isa wajjin tuuta gidduu buunee gara mana Waaqayyoo dhaqne.

[15] Hamminni garaa isaanii fi mana isaanii keessa waan guuteef, isaan utuu itti hin yaadin du'i itti haa dhufu! Jiraatti gara iddoo lafa jalaatti gad haa bu'an!

[16] Ani garuu Waaqayyoon nan waammadha, gooftichis ana in oolcha;

[17] galgalaa fi ganama, waareettis, isatti nan himadha, isatti nan boo'as, innis sagalee koo in dhaga'a.

[18] Warri ana irratti ka'an waan baay'ataniif, lola anatti ka'e keessaa lubbuu koo nagaatti galchi!

[19] Waaqayyo inni durii durii jalqabee teessoo isaa irra jiru, kana in dhaga'a; sababii isaan yaada garaa isaanii geddarachuu didanii, isas sodaachuu dhiisaniif, gad isaan in deebisa.

[20] Inni hiriyaa koo ture sun, warra isaa wajjin nagaatti jiraatan irratti harka ol fudhate, kakuu isaas in cabse.

[21] Haasaan afaan isaatii akkuma dhadhaa ti, nama hin quuqu, garaa isaa keessa immoo lolatu jira; dubbiin isaas dibata caalaa in laafa, garuu akka billaa luqqifamee jiruu ti.

[22] Wanta yaada sitti ta'u Waaqayyotti gatii dhiisi, inni akka ati hin kufnetti si irkisa! Namni qajeelaan raawwatee akka hin mittiqne in godha.

[23] Warri dhiiga namaa dhangalaasanii fi, warri haxxummaadhaan nama gowwoomsan garuu, boolla gad fagootti akka gad bu'an in goota; yaa Waaqayyo! Isaan bara jireenya isaanii hin walakkeessan; ani garuu sin amanadha.

Macaafota Faarfannaa — Chapters