[1] Yaa Waaqayyo, ati qortee na ilaalteetta, na beektas!
[2] Taa'uu koo fi ijaajjuu koo in beekta, fagoodhaas yaada koo in hubatta.
[3] Ka'ee adeemuu koo fi ciisuu koos gargar in baafatta, karaa jireenya koo hundumaas keessa in beekta.
[4] Utuma dubbiin afaan kootii hin ba'in, isa ani jechuuf ture hundumaa ati dur illee beekte, yaa Waaqayyo!
[5] Ati karaa hundumaan naannoo kootti argamtee, harka kee ana irra qabdee jirta.
[6] Wanta dinqisiisaa akkasii kana beekuun humna koo gara irraa dha, anaa ol, isa bira ga'uus hin danda'u.
[7] Hafuura kee duraa eessa nan dhaqa” Fuula kee duraas eessatti nan baqadha”
[8] Bantii waaqaatti yoon ol ba'e, ati achi jirta! Iddoo lafa jalaa keessa yoon ciises, ati achittis immoo in argamta!
[9] Ani baallee baasee akka ifa bariitti balali'ee, galaana dhidhimaa qarqara utuun qubadhee,
[10] silaa achitti immoo harki kee na geggeessa, harki kee mirgaas jabeessee na qaba ture.
[11] Ani,“Dukkanni ana irra haa bu'u, ifni guyyaas naannoo kootti halkan haa ta'u!” yoon jedhe,
[12] dukkanni iyyuu si duratti hin dukkanaa'u, halkan akkuma guyyaa in ifa; dukkanni immoo akkuma ifaa in ta'a.
[13] Keessa namummaa koo situ uume, gadameessa haadha koo keessatti situ na tolche;
[14] isa ati guddaa dinqisiisaa gootee na uumteef, ani galata siif nan galcha; gochaan kee waanuma raajii ti, anis kana ba'eessa godhee nan beeka.
[15] Ani dhoksaatti yommuun hojjetame, gadameessa [isa akka lafa gad fagootti ilaalamu] keessatti yommuun tottolfame lafeen koo iyyuu si duraa hin dhokanne.
[16] Nama ta'uun koo utuu hin beekamin iji kee na arge, dhaladhee barri jireenya koo lakkaa'amuu utuu hin jalqabin, guyyoonni anaaf yaadaman guutummaatti macaafa kee keessatti caafaman.
[17] Yaadni kee maal maal anatti jabaata, yaa Waaqayyo! Guutummaattis maal maal baay'ata!
[18] Ani lakkoobsa isaa himuu utuun yaalee, cirracha irra in baay'ata; kana yaaduu keessaa yeroon dammaqus, amma iyyuu sii wajjinan jira.
[19] Nama jal'aa utuu ajjeeftee, yaa Waaqayyo! Warri dhiiga namaa dhangalaasanis anattii haa fagaatan!
[20] Isaan hamaadhaaf waa'ee kee in dubbatu, warri siin mormanis akkasumaan maqaa kee in kaasu.
[21] Yaa Waaqayyo, ani warra si jibban hin jibbuu ree” Warra si irratti ka'anis ani hin ciigga'uu ree”
[22] Jibba guutuu isaan nan jibbe, isaan diina anatti ta'aniiru.
[23] Qorii na ilaali, yaa Waaqayyo, garaa koos beeki! Na fonqolchi, yaada koos beeki!
[24] Karaa nama miidhu irra bu'een jira yoo ta'e ilaali, karaa bara baraan jiraatu irra na geessi!