Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:36

[1] Ani sagalee koo ol fuudhee gara Waaqayyootti nan iyyadha, Waaqayyo akka anatti araaramuuf sagalee kootiin nan kadhadha!

[2] Ani dhibee koo isa duratti nan dhangalaasa, rakkina koos isa duratti nan himadha!

[3] Hafuurri koo yeroo ana keessatti laafu, ati gara ani itti adeemu in beekta! Daandii ani irra adeemu keessa, isaan futtaasaa anaaf dhoksaniiru.

[4] Ani gara mirga koo nan ilaala, nan eegas; garuu namni na yaadatu hin jiru; iddoon ani kooluu itti galu tokko illee anaaf hin hafne; namni tokko illee dhimma koo hin qabu!

[5] Yaa Waaqayyo, ani gara keetti nan iyyadha, “Ati isa ani kooluu itti galuu dha, biyya warra jiraatoo keessattis qooda koo ti” nan jedha.

[6] Ani baay'isee waanan mataa buuseef, iyyata koo anaaf dhaggeeffadhu! Warri na ari'atan baay'ee waan anatti cimaniif, ati isaan jalaa na baafadhu!

[7] Maqaa kee akkan galateeffadhutti, mana hidhaa keessaa na baasi! Yeroo ati waan gaarii anaaf deebiftettis, warri qajeelonni anatti in tuuta'u.

Macaafota Faarfannaa — Chapters