Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:55

[1] Waaqayyo ko, Waaqayyo ko, maaliif na dhiifte” Ana gargaaruuttii, dubbii aadnaa koottiis maaliif fagaatte”

[2] Yaa Waaqayyoo ko, guyyaa gara keetti nan iyya, ati garuu anaaf hin deebiftu; halkanis nan iyya, qabbana immoo hin argadhu.

[3] Kana keessaa immoo, ati qulqulluu dha, teessoo kee irra jirta; galanni Israa'el faarfannaadhaan siif dhi'eessus teessoo kee jala jira.

[4] Abboonni keenya si amanatan, isaan in amanatan, atis isaan in oolchite;

[5] gara keetti iyyanii, in baraaraman, si amanatanii, hin yeellaasifamnes.

[6] Ani garuu raammoo dha, namas miti, namni na arrabsa, sabnis na tuffata.

[7] Warri na argan hundinuu anatti in gai'su, isaan arraba anatti baasanii mataa anatti raasanii,

[8] “Mee inni Waaqayyotti of haa gatu, inni immoo mee isa haa oolchu; isatti in gammada'o, mee isa haa furu!” anaan jedhu.

[9] Amma gadameessa haadha kootii keessaa situ na baase, harma haadha kootii irrattis situ nagaatti na eege;

[10] ani dhalachuu kootii jalqabee sitti of gateera, erga haati koo na deesses situ Waaqayyo koo ti;

[11] kunoo, rakkinni dhi'aateera, tokko illees kan gargaaru hin jiru, ati ana irraa hin fagaatin!

[12] Korommiin baay'een na naanna'an, korommiin biyya Baashaan warri jajjaboonnis na marsan;

[13] akka leenca isa waa cucuffatuuf isa aadutti, isaan afaan isaanii bal'isanii anatti in banu;

[14] ani akka bishaanii nan dhangala'e, lafeen koo hundinuus wal gad dhiise; onneen koos akka gagaa ana keessatti in baqe;

[15] qoonqoon koo gogee na awwaara'e, arrabni koos laagaa kootti qabate; atis biyyoo du'aa keessa na ciibsita.

[16] Warri akka saree adamsan ana in naanna'an, gareen warra hamaa godhaniis ana in marsan, harka koo fi miilla koos uranii in fullaasan.

[17] Lafeen koo hundinuu lakkaa'amuu in danda'a, jarri immoo ana ilaalanii akkasitti na arguutti in gammadan.

[18] Isaan uffata koo in hirmaatan, wayyaa koottis muka in buufatan.

[19] Ati garuu yaa Waaqayyoo ko, anattii hin fagaatin, yaa aangoo ko, ana gargaaruuf ariifadhu!

[20] Jireenya koo billaa anaaf oolchi, lubbuu tokkittii ani qabus qabaa warra akka sarootaa kana keessaa baasi!

[21] Afaan leencaa na oolchi, akka deebii kadhata koottis gaanfa gafarsaa jalaa na baasi!

[22] Ani immoo maqaa kee obboloota kootti nan labsa, walga'ii keessattis sin jajadha!

[23] Isin warri Waaqayyoon sodaattan, isa jajadhaa! Isin sanyiin Yaaqoob, isaaf ulfina kennaa! Isin sanyiin Israa'el, isaaf safuu buufadhaa!

[24] Inni nama gad qabamaa hin tuffanne, gad qabamuu isaatiinis maal dhibdi hin jenne; yeroo inni gad qabamaan gara isaatti iyye in dhaga'eef malee, inni fuula isaa isa duraa hin dhoksine.

[25] Wal ga'ii guddaa keessatti si jajachuun koo si biraa anaaf in dhufa; warra isa sodaatan durattis, ani wareega koo of irraa nan baasa.

[26] Warri gadadamoonni nyaatanii in quufu, warri Waaqayyoon barbaadanis isa in jajatu; baruma baraanis garaan keessan gammadee haa jiraatu!

[27] Andaarri lafaa hundinuu in yaadata, gara Waaqayyoottis in deebi'a; qomoon saba hundumaas fuula isaa duratti in sagada.

[28] Mootummaan kan Waaqayyoo waan ta'eef, inni saba hundumaa in seerrata;

[29] eyyee, warri quufoon lafa kana irraa hundinuu isaaf in sagadu, warri biyyootti gad deebi'an hundinuu, inni jireenyatti of hambisuu hin dandeenyes isa duratti in gugguufu;

[30] dhaloonni dhufu isaaf in hojjeta, namoonni dhaloota dhufutti waa'ee gooftaa in himu;

[31] isaanis dhufanii qajeelummaa isaa isa fayyisu, saba si'achi dhalatutti in labsu; kanas isatu godhe.

Macaafota Faarfannaa — Chapters