Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:34

[1] Ati ana oolchi, yaa Waaqayyo! Bishaan morma na ga'e;

[2] ani dhaqdhaqii keessatti nan liqimfame, miilli koos waan irra dhaabatu in dhabe; bishaan gad fagoo keessa nan lixe, humni bishaanii na fudhatee sokke.

[3] Amma immoo wawwaachuu iyyuu nan dadhabe, laagaanis na babbaqaqe; ija qisee Waaqayyoon eeggachuu irraa kan ka'es, iji koo arguu dadhabe;

[4] warri sababii malee ana jibban, rifeensa mataa kootii irra in baay'atu; diinonni koo warri sobduun warri ana balleessuu barbaadan, baay'ee dha; wanta ani hin saamin “Iddoo isaatti deebisi!” naan jedhu.

[5] Yaa Waaqayyo, ati gowwummaa koo in beekta, wanti ani balleesses tokko illee si duraa hin dhokanne.

[6] Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, warri si abdatan sababii koof jedhanii hin yeellaasifamin! Yaa Waaqayyo isa kan Israa'el, warri si barbaadan sababii koof jedhanii hin qaaneffamin!

[7] Ani siif jedhee arrabsoo baadheera, yeelloonis ana irra buufameera;

[8] ani obboloota kootti orma, haadha koottis alagaa nan ta'e.

[9] Mana keetiif hinaafuun na gube, arrabsoon ittiin si arrabsanis ana irra bu'e;

[10] soomuun koo, lubbuu koos dhiphisuun koo arrabsoodhaaf anaaf ta'e.

[11] Uffata gaddaa nan uffadhe, isaaniif garuu nama mammaaksaa nan ta'e.

[12] Warri karra mandarichaa dura taa'an waa'ee koo in dubbatu, warri machooftuunis waa'ee koo in weeddisu.

[13] Ani garuu yaa Waaqayyo, yeroo si biratti fudhatamaa ta'etti, kadhata koo sittan dhi'eeffadha; yaa Waaqayyo, akka gaarummaa kee isa guddaatti gargaarsa kee isa amanamaadhaan anaaf deebisi!

[14] Ani akka hin liqimfamnetti dhoqqee keessaa na baasi, warra na jibban jalaa, bishaan gad fagoo keessaas akkan ba'u godhi!

[15] Humni bishaanii na fudhatee hin sokkin, tuujjubni ana hin nyaatin! Boolli na liqimsee afaan isaa ana irratti hin cufamin!

[16] Arjummaa kee isa gaariidhaan, deebii anaaf deebisi, yaa Waaqayyo! Gara-laafummaa kee isa baay'eedhaanis na ilaali!

[17] Fuula kee garbicha kee duraa hin dhoksin; ani rakkina keessa waanan jiruuf, ariifadhuu deebii anaaf kenni!

[18] Anatti dhi'aadhuu na furi, dhiibbii diinota kootiif jedhii na oolchi!

[19] Arrabsamuu koo, yeellaasifamuu koo, salphifamuu koos ati in beekta; warri ana cunqursan hundinuu si dura jiru.

[20] Arrabsoon garaa koo rukuteera, anis miidhameera; namni anaaf oo'a jedheen abdadhe, garuu nan dhabe; na jajjabeessu jedhees nan eeggadhe, garuu hin arganne.

[21] Hadhaa akkan nyaadhuuf anaaf kennan, dhugaatii dhangaggaa'es dheebuuf akka ani dhuguuf anatti hiixatan.

[22] Buddeenni maaddii isaanii irraa isaan haa qabu, warri nagaadhaan walii wajjin taa'anis kiyyootti haa galan!

[23] Akka isaan hin arginetti iji isaanii haa jaamu; yeroo hundumaa mudhiin isaanii akka hin jabaanne godhi!

[24] Dheekkamsa kee isaan irratti roobsi, aariin kee inni boba'aanis isaan haa qaqqabu!

[25] Buufanni isaanii haa onu, godoo isaanii keessas namni hin jiraatin!

[26] Isaanoo isa ati reebde in ari'atu, waa'ee dhiphina namicha ati madeessitees in haasa'u.

[27] Yakka isaanii irratti yakka akka dabalataniif isaan dhiisi, gara qajeelummaa keetti isaan hin fidin!

[28] Macaafa warri jiraatoonni itti caafaman keessaa maqaan isaanii haa balleeffamu, isaan warra qajeelotaa wajjin hin caafamin!

[29] Ani garuu gadadamaa dha, dhiphataa dhas, gargaarsi kee ol ana haa qabu, yaa Waaqayyo!

[30] Weedduudhaan maqaa Waaqayyoo nan jajadha, galataanis guddina isaa nan hima.

[31] Kun korma yookiis tuntunoo isa gaanfaa fi kottee qabu dhi'eessuu caalaa, Waaqayyotti in tola.

[32] Warri gad qabaman kana arganii haa gammadan, isin warri Waaqayyoon barbaaddattan, garaan keessan haa bayyaannatu!

[33] Waaqayyo warra dhabaniif in dhaga'a, saba isaa warra hidhamanis hin tuffatu.

[34] Bantiin waaqaa, lafti, galaanni gurguddaan, wanti isaan keessaa munyuuqan hundinuus isa haa jajan!

[35] Waaqayyo mandara Xiyoon in fayyisa, mandaroota Yihudaas deebisee in ijaara; hojjetoonni isaas isa keessa in jiraatu, biyyichas in qabaatu;

[36] sanyiin isaaniis isa in dhaala, warri maqaa isaa jaallatanis isa keessa in jiraatu.

Macaafota Faarfannaa — Chapters