Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 0:58

[1] Yaa guutummaa biyya lafaa, Waaqayyotti gammaduu kee guddisii dhageessisi!

[2] Waaqayyoof gammachuudhaan hojjedhaa, ililleedhaanis gara fuula isaa dura kottaa!

[3] Gooftichi Waaqayyo akka ta'e beekaa! Isatu nu uume, nuyi immoo kan isaa ti; nuyi saba isaa ti, hoolota tika isaa jala jirruu dha!

[4] Galata galchuudhaan gara balbala kellaa isaatti, jajuudhaanis gara oobdii isaatti ol galaa! Isaaf galata galchaa, maqaa isaas eebbisaa!

[5] Waaqayyo gaarii dha'o, gaarummaan isaa bara baraan, amanamummaan isaas dhalootaa hamma dhalootaatti achuma jira.

Macaafota Faarfannaa — Chapters