[1] Yaa Waaqayyo, yeroo hundumaa waa'ee gaarummaa kee isa baay'ee nan faarfadha, amanamummaa kee dhaloota hundumaatti afaan kootiin nan labsa.
[2] Ani,“Gaarummaan kee bara baraan jabaatee dhaabate, amanamummaa kees akka bantiiwwan waaqaa jabeessiteetta” jedhee nan dubbadha.
[3] Ati immoo,“Isa ani fo'adheef kakuu galeera, Daawit garbicha kootiif kakadheera;
[4] “Sanyii kee bara baraan nan jabeessa, dhalootaa hamma dhalootaattis teessoo kee nan dhaaba?” jetteetta.
[5] Bantiiwwan waaqaa hojii kee isa dinqisiisaa, walga'iin qulqullootaas amanamummaa kee in jajatu, yaa Waaqayyo!
[6] Waaqayyoon kan qixxaatu duumessa gara irraa eenyutu jira” Warra bantii waaqaa irra jiran keessaas kan akka Waaqayyoo eenyu ree”
[7] Waaqayyo walga'ii qulqullootaa keessatti guddaa sodaatamaa dha, warra naannoo isaa jiran hundumaa gara irraa jira, guddaa sodaachisaa dhas.
[8] Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, kan akka keetii eenyu ree” Yaa gooftaa, ati aango-qabeessa, amanamummaan kees si naanna'ee jira.
[9] Bokoka galaanaa irratti situ gooftummaa qaba, dha'aan isaa yommuu ol ka'us situ gab godha;
[10] Rahaab jawwee galaanaa sana, akka wanta qalameetti lafatti tumte; aangoo irree keetiin diinota kee bittimsite.
[11] Waaqichi kan kee ti, lafichis immoo kan kee ti, biyya lafaa, wanta isa keessa guutes situ achi kaa'e.
[12] Gara bitaa fi gara mirgaa situ uume, tulluun Taaborii fi tulluun Hermoon maqaa keetti in ililchu.
[13] Irreen jabina qabu kan kee ti, harki kee jabaa dha, harki kee mirgaa ol kaafamaa dha;
[14] teessoon kee qajeelummaa fi dhugaa irra dhaabate, gaarummaanii fi amanamummaan si dura in adeemu.
[15] Sabni sagalee gammachuu dhageessisee beeku haa gammadu! Isaan ifa fuula kee irraa ifu keessa in deddeebi'u, yaa gooftaa!
[16] Isaan guyyaa hundumaa maqaa keetti gammaduu isaanii in dhageessisu, qajeelummaa keetiin ol in kaafamu.
[17] Ati guddina jabina isaanii ti, tole nuun jechuu keetiin gaanfa mataa keenyaa ol in qabda.
[18] Gaachanni keenya kan Waaqayyoo ti, mootiin keenyas kan qulqulluu Israa'el.
[19] Baras isa siif of kennetti mul'atatti itti dubbattee, “Ani gargaarsa koo isa jagna tokkotti kenneera, isa saba keessaa fo'ame tokkos ol qabeera;
[20] Daawit garbicha koo argadhee, dibata koo isa qulqulluudhaan isa dibeera.
[21] Harki koo cimsee isaa wajjin jira, irreen koo immoo isa in jabeessa;
[22] diinni isa gabbarsiisuu hin danda'u, namni jal'aanis gad isa hin qabu;
[23] warra isa cunqursan fuula isaa duratti nan caccabsa, warra isa jibbanis lafaan nan dha'a;
[24] amanamummaan koo fi gaarummaan koo isaa wajjin jiru, maqaa kootiinis gaanfi mataa isaa ol in ka'a.
[25] Galaana harka isaa jala, lagootas harka isaa mirgaa jala nan galcha.
[26] Inni,“Ati abbaa koo ti, Waaqayyo koo ti, ati kattaa isa ani itti baqadhee ooluu dha” jedhee ana in waammata.
[27] Ani immoo angafa, isa mootota lafa irraa caalu, isa nan godha.
[28] Gaarummaan koo bara baraan isa bira akka jiraatuuf nan eega, kakuun ani kakadhe isaaf amanamee in jiraata.
[29] Sanyii isaa bara baraan, teessoo isaas hamma bantiiwwan waaqaa jiranitti jabeessee nan dhaaba.
[30] “Ijoolleen isaa garuu seera koo yoo dhiisan, akka isa ani qajeelchee dhaabeetti yoo jiraachuu dhabaatan,
[31] seerrata koo yoo xureessan, abboommii koos yoo eeguu dhabaatan,
[32] irra-daddarbaa isaanii uleedhaan nan adaba, yakka isaaniitiifis isaan nan dhaana.
[33] Garuu gaarummaa koo isa irraa hin deebisu, amanamummaan koos kan sobaa hin ta'u.
[34] Kakuu koo hin cabsu, dubbii afaan koo keessaa ba'es hin diddiiru.
[35] Ani takkaa qulqullummaa kootiin kakadheera, matumaa Daawitin hin sossobu.
[36] “Sanyiin isaa, bara baraan in jiraata, teessoon isaas hamma biiftuun fuula koo dura jirtutti in tura;
[37] inni akka ji'a ishee dhuga-baatuu amanamtuu duumessa keessaa, bara baraan jabaatee in dhaabata?” in jette.
[38] Amma garuu isa dibdee moosiftetti in dheekkamte, isa in tuffatte, in gattes;
[39] kakuu isa garbicha keef dhaabde in diigde, gonfoo isaa lafatti darbattee, duraa xureessite.
[40] Masaraa mandara isaa hundumaa in jigsite, marsaa isaas in diigde;
[41] warri achiin darban hundinuu isa in saamu, olloota isaafis muka ga'oo in ta'a.
[42] Warri isa cunqursan akka harka fudhatan goote, diinota isaa hundumaas in gammachiifte.
[43] Arfii billaa isaa in gara galchite, adda lolaa akka inni hin dhaabannes in goote;
[44] surraa isaa isa irraa fixe, teessoo isaas lafatti darbatte;
[45] bara dargaggummaa isaa duraa gabaabsite, yeelloos itti uffifte.
[46] Kun hamma yoomiitti ta'a, yaa Waaqayyo” Ati raawwattee of dhoksitaa ree” Dheekkamsi kees akka ibiddaa haa boba'uu ree”
[47] Barri jireenya koo gabaabaa ta'uu isaa yaadadhu, ilmaan namaa kan akkasumaanii gootee uumte!
[48] Nama ta'ee jiraatee, utuu hin du'in kan hafu eenyu” Qabaa iddoo lafa jalaa keessaas, eenyutu lubbuu isaa oolfachuu danda'a?
[49] Baay'inni gaarummaa kee durii, inni ati amanamummaa keetiin Daawitiif kakatte, meerree ree yaa gooftaa”
[50] Ani garbichi kee muka ga'oo ta'uu koo, isa ani saba baay'ee kana hundumaaf danda'uudhaan yaadadhu, yaa gooftaa!
[51] Ga'oo diinota kee yaa gooftaa, isa ati dibdee moosiftettis, lafa inni dhaqutti itti baacuu isaanii yaadadhu!
[52] Maqaan Waaqayyoo bara baraan haa eebbifamu! Ameen! Ameen!