[1] Warri balleessaa malee deddeebi'an, warri akka seera Waaqayyootti jiraatan haa gammadan!
[2] Warri abboommii isaaf dhugaa ba'u eegan, warri garaa guutuudhaan Waaqayyoon barbaadan,
[3] warri jal'ina hin hojjenne, warri karaa isaa irra deddeebi'an haa gammadan!
[4] Ajaji kee ba'eessa ta'ee akka eegamu ati abboomteetta.
[5] Karaa ani seerrata kee eegu irratti, jabaadhee utuun dhaabadhee attaman jaalladha!
[6] Ija koo abboommii kee hundumaa irraa yoon buqqifachuu dhiise, ani hin yeellaasifamu.
[7] Firdii ati qajeelummaadhaan laattu yommuun baru, ani yaada qajeelaadhaan galata siif nan galcha.
[8] Ani seerrata kee nan eega, ati raawwattee ana hin dhiisin!
[9] Dargaggeessi maaliin adeemsa isaa qullaa'ummaatti eeguu danda'a” Akka dubbii keetti adeemsa isaa qajeelfachuudhaan eeggachuu in danda'a.
[10] Garaa koo guutuu sin barbaaddadha, abboommii kee irraa akkan kaadhu hin godhin!
[11] Akkan si hin yakkineef waan ati jette garaa koo keessa kaa'adheera.
[12] Yaa Waaqayyo, ati jajamaa dha, seerrata kee na barsiisi!
[13] Wanta qajeelaa ta'ee afaan keetiin dubbatame, ani arraba kootiin tokko tokkoon nan hima.
[14] Akkuma ani sooruma hundumaatti gammadu, wanta abboommiin kee dhugaa ba'u duukaa bu'uutti nan gammada.
[15] Ajaja kee irra-deddeebi'ee itti nan yaada, karaa kee irraas ija hin buqqifadhu.
[16] Seerranni kee garaa na ciibsa, dubbii kees hin irraanfadhu.
[17] Garbicha keef wanta gaarii godhi! Ani nan jiraadha, dubbii kees nan eega.
[18] Wanta dinqisiisaa seera kee keessaa akkan argutti, ati ija koo anaaf bani!
[19] Ani biyya lafaa irratti orma, abboommii kee ana duraa hin dhoksin!
[20] Wanta qajeelaa ta'ee si duratti fudhatame, yeroo hundumaa yaaduu irraa kan ka'e lubbuun koo in bututti.
[21] Warra gad-dhiisatti jiraatan ati in ifatta, warri abboommii kee irraa kaatanis abaaramoo dha!
[22] Ani abboommii siif dhugaa ba'u eegeera; ati ga'oo fi tuffii ana irraa fuudhi!
[23] Gurguddoonni taa'anii ana irratti yoo dubbatan iyyuu, garbichi kee seerrata kee irra-deddeebi'ee itti in yaada.
[24] Abboommonni siif dhugaa ba'an garaa na ciibsu, isaan gorsituu koo ti.
[25] Ani lafatti nan maxxanfame, ati akka dubbii keetti lubbuu anatti deebisi!
[26] Ani jireenya koo keessatti waanan ta'e sitti himadheera atis deebii anaaf kenniteetta; seerrata kee immoo na barsiisi!
[27] Karaa ati ajajje na hubachiisi, yommus ani hojii kee isa dinqisiisaa irra-deddeebi'ee itti nan yaada.
[28] Ani gadda irraa kan ka'e taa'ee nan boo'a, ati akka dubbii keetti ol na kaasi!
[29] Karaa sobaa irra akka ani hin adeemneef na eegi, seera keetiinis araara na argachiisi!
[30] Ani karaa dhugaa fo'adheera, wanta qajeelaa ta'ee si duratti fudhatames of dura kaa'adheera.
[31] Wanta abboommiin kee dhugaa ba'utti maxanee nan jiraadha, yaa Waaqayyo, akka ani yeellaasifamu hin godhin!
[32] Ati garaan koo gammadee akka hubatu goote, anis karaa ati abboomte irra nan kaadha!
[33] Karaa seerranni kee irra nama buusu na barsiisi yaa Waaqayyo! Inni bu'aa waan qabuuf, hamma dhumaatti isa nan eega.
[34] Seera kee akkan yaadaan qabuuf, garaa koo guutuudhaanis akkan isa eeguuf, hubannaa anaaf kenni!
[35] Daandii ati abboomte irra akkan adeemu godhi, innoo anatti in tola.
[36] Bu'aa dalgaa fi sassatuu irraa, garaa koo gara wanta abboommiin kee dhugaa ba'uufitti qabi!
[37] Ija koo wanta waa'ee hin baafne ilaaluu irraa jal'isi, karaa kee irrattis lubbuu anatti deebisi!
[38] Garbichi kee akka si sodaatuuf, wanta abdachiifte isaaf raawwadhu!
[39] Wanti qajeelaa ta'ee si duratti fudhatame gaarii waan ta'eef, ga'oo isa ani sodaadhu ana irraa deebisi!
[40] Kunoo, ani ajaja kee hawwaan nan eeggadha, qajeelummaa keetiin lubbuu anatti deebisi!
[41] Yaa Waaqayyo, akka ati jettetti, gaarummaan kee, gargaarsi kee inni fayyisus anaaf haa dhufu,
[42] yoos isa anatti ga'isuuf deebii ga'u nan kenna, anoo dubbii kee nan amanadha.
[43] Dubbii dhugaa matumaa ana duraa hin fudhatin! Anoo wanta qajeelaa ta'e si duratti fudhatame abdiidhaan nan eeggadha.
[44] Ani itti fufee, yeroo hundumaaf bara baraan seera kee nan eega.
[45] Ani ajaja kee argachuudhaaf waanan barbaaddadheef, iddoo bal'aa keessa nan deddeebi'a.
[46] Abboommii isa siif dhugaa ba'us, mootota duratti nan dubbadha, hin yeella'us.
[47] Abboommiin kee inni ani jaalladhu, garaa na ciibsa.
[48] Abboommii kee isa ani jaalladhutti harka koo nan hiixadha, seerrata kees irra-deddeebi'ee itti nan yaada.
[49] Dubbii kee isa abdiidhaan akka ani eeggadhu goote, ana garbicha keetiif yaadadhu.
[50] Wanti ati jette lubbuu anatti in deebisa, kunis yeroon gad deebi'utti jajjabina koo ti.
[51] Warri gad-dhiisatti jiraatan baay'isanii anatti in qoosu, ani garuu seera kee irraa hin jal'anne.
[52] Wanta durii durii jalqabee si duratti qajeelaa ta'ee fudhatame yommuun yaadadhu, jajjabina nan argadha, yaa Waaqayyo!
[53] Jal'oonni seera kee waan dhiisaniif, aarii guddaatu na qabe.
[54] Mana isa ani akka kara-adeemaatti itti galu keessatti, seerranni kee faarfannaa anaaf ta'e.
[55] Halkan maqaa kee nan yaadadha, yaa Waaqayyo; seera kees nan eega.
[56] Ani ajaja kee akkan eeguuf, carraan anaaf kennameera.
[57] Ani dubbii kee eeguudhaaf, “Waaqayyo qooda koo ti” jedheera.
[58] Fuula ifaadhaan akka na ilaaltuuf, garaa guutuudhaan sin kadhadha; akka dubbii keetti araara anatti argisiisi!
[59] Waa'ee karaa isa ani irra adeemuu nan yaade, miilla koos gara abboommii isa siif dhugaa ba'utti nan qajeelfadhe.
[60] Ani abboommii kee irraa hin seesu, isa eeguuf nan ariifadha.
[61] Jal'oonni funyoo yoo anatti xaxan iyyuu, ani seera kee hin irraanfadhu.
[62] Waa'ee firdii kee isa qajeelaa sanaaf, galata siif galchuudhaaf, ani halkan walakkaa nan ka'a.
[63] Ani warra si sodaatan hundumaaf, warra ajaja kee eeganiifis hidhata.
[64] Gaarummaan kee lafa in guuta, yaa Waaqayyo, seerrata kee na barsiisi!
[65] Yaa Waaqayyo, akkuma ofii keetii dubbatte, ati garbicha keetiif gaarii gooteetta.
[66] Anoo abboommii kee amanadheera, hubannaa gaarii anaaf kenni, waa beekuus na barsiisi!
[67] Utuu ani hin rakkifamin dura karaa irraa goreen ture, amma garuu wanta ati jette nan eega.
[68] Ati gaarii dha, wanta gaariis in hojjetta, seerrata kee na barsiisi!
[69] Warri gad-dhiisatti jiraatan, sobanii waa ana irra in kaa'an; ani garuu garaa koo guutuudhaan ajaja kee nan eega.
[70] Coomni garaa isaanii hadoodcheera, ana garuu seerri kee garaa in ciibsa.
[71] Seerrata kee akkan barutti, rakkifamuun anaaf gaarii dha.
[72] Seerri inni afaan kee keessaa ba'e, warqee fi meettii guroo kumaatama irra anaaf wayya.
[73] Harki kee na tolcheera, cimsees na dhaabeera, abboommota kee akkan barutti hubannaa anaaf kenni!
[74] Dubbii kee abdiidhaan waanan eeggadhuuf, warri si sodaatan na arganii in gammadu.
[75] Firdiin kee qajeelaa akka ta'e ani beeka, yaa Waaqayyo, amanamaa waan taateef gad na deebifte.
[76] Akkuma ofii keetii garbicha keetti dubbattetti, gaarummaan kee ana haa jajjabeessu!
[77] Seerri kee waan garaa na ciibsuuf, lubbuun akka anatti deebi'uuf, araarri kee anaaf haa dhufu!
[78] Warri gad-dhiisatti jiraatan sobanii dhugaa koo waan balleessaniif, haa yeellaasifaman! Ani garuu ajaja kee irra-deddeebi'ee itti nan yaada.
[79] Warri si sodaatan, warri abboommii siif dhugaa ba'u beekan gara koo haa goran!
[80] Akka ani hin yeellaasifamnetti, garaan koo balleessaa malee seerrata keetti qabamee haa jiraatu!
[81] Lubbuun koo fayyisuu kee yaaddee in gaggabdi, dubbii kees abdiidhaan nan eeggadha.
[82] Iji koo isa ati abdachiifte eeggachuu irraa kan ka'e in dadhabe; “Yoom na jajjabeessita?” jedhee nan gaafadha.
[83] Ani akka qalqalloo aara jalatti shuntuuree ta'u illee, seerrata kee hin irraanfadhu.
[84] Garbichi kee si'achi bara hammamii jiraata” Warra na ari'atanittis ati yoom faradda”
[85] Warri gad-dhiisatti jiraatan, warri seera kee wajjin walii hin galle boolla anaaf qotaniiru.
[86] Abboommiin kee hundinuu dhugaa dha; yeroo namoonni dubbii sobaatiin na ari'atan, ati na gargaari!
[87] Isaan hamma xinnoof malee lafa irraa na balleessanii oolan, ani garuu wanta ati ajajje hin dhiifne.
[88] Akka gaarummaa keetti lubbuu anatti deebisi! Yommus ani abboommii siif dhugaa ba'u isa afaan kee dubbatte nan eega.
[89] Dubbiin kee yaa Waaqayyo, bara baraan, bantiiwwan waaqaa keessatti jabaatee dhaabateera.
[90] Amanamummaan kee dhalootaa hamma dhalootaatti hafee in jiraata, lafa cimsitee dhaabdeetta, innis jabaatee in dhaabata.
[91] Wanti hundinuu siif waan hojjetuuf, inni akka seera ati dhaabdeefitti, hamma har'aatti iyyuu jabaatee in dhaabata.
[92] Seerri kee utuu garaa ana hin ciibsine ta'ee, ani rakkifamuu kootiin nan balleeffaman ture.
[93] Isaaniin lubbuu waan anatti deebifteef, ani bara baraan ajaja kee hin irraanfadhu.
[94] Anoo ajaja kee argachuudhaaf barbaaddadheera, ani kan kee ti, ati na oolchi!
[95] Jal'oonni na balleessuudhaaf riphanii na eeggatu, ani garuu abboommii isa siif dhugaa ba'u yaadaan nan qaba.
[96] Wanti fiixaan ba'e hundinuu dhuma akka qabu argeera, bal'inni abboommii keetii garuu daarii hin qabu.
[97] Ani seera kee attam nan jaalladha! Ani guyyaa guutuu irra-deddeebi'ee itti nan yaada.
[98] Abboommiin kee bara baraan ana bira jira, diinota koo caalaas ogeessa na godha.
[99] Wanti ani irra-deddeebi'ee itti yaadu abboommii siif dhugaa ba'u waan ta'eef, ani barsiisota koo hundumaa caalaa nan qalbifadha.
[100] Ani ajaja kee waanan eegeef, maanguddoota caalaa nan hubadha.
[101] Ani dubbii kee eeguudhaaf, miilla koo karaa hamaa hundumaa irraa nan ittise.
[102] Wanta qajeelaa ta'ee si duratti fudhatame irraa hin jal'anne, ati ofii keetii ana barsiifteetta.
[103] Wanti ati jette attam anatti miyaa'aa! Isa dammi afaan kootti miyaa'u caalaa anatti in miyaa'a.
[104] Ajaja kee keessaa hubannaa nan argadha; kanaafis karaa sobaa hundumaa nan jibba.
[105] Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha, daandii koo irrattis in ifa.
[106] Seera kee isa qajeelaa eeguudhaaf nan kakadhe, isattis nan jabaadha.
[107] Ani baay'ee dhiphadheera, yaa Waaqayyo, akka dubbii keetti lubbuu anatti deebisi!
[108] Yaa Waaqayyo, galata ani akka aarsaatti afaan kootiin jaalladhee siif dhi'eessu fudhachuun sitti haa tolu! Wanta qajeelaa ta'ee si duratti fudhatames na barsiisi!
[109] Lubbuun koo yeroo hundumaa fittee irra jirti, haa ta'u iyyuu malee, ani seera kee hin irraanfadhu.
[110] Jal'oonni futtaasaa ana dura kaa'an, ani garuu ajaja kee irraa hin jal'anne.
[111] Abboommonni siif dhugaa ba'an gammachuu garaa kootii waan ta'aniif, isaan bara baraan ga'aa koo ta'aniiru.
[112] Seerranni kee bara baraan bu'aa waan qabuuf, hojii irra isa oolchuudhaaf garaan koo isa duukaa jal'ateera.
[113] Nama yaada walaallammii nan jibbe, seera kee immoo nan jaalladhe.
[114] Ati anaaf golgaa koo ti, gaachana koo tis, ani dubbii kee abdiidhaan nan eeggadha.
[115] Ani abboommii Waaqayyo koo akkan eegutti, isin warri hamaa gootan, ana irraa fagaadhaa!
[116] Ati akka abdachiiftetti qabii na oolchi, lubbuunis anatti in deebiti; abdii koo dhabee akkan yeella'u hin godhin!
[117] Akkan oolutti ati na qabi, ani yeroo hundumaa ija gammachuutiin seerrata kee nan ilaala.
[118] Ati warra seerrata kee irraa jal'atan hundumaa in tuffatta, isaan in sobu, in gowwoomsus.
[119] Jal'oota lafa irraa hundumaa ati akka udaan sibiilaatti in gatte, kanaafis ani abboommii siif dhugaa ba'u nan jaalladhe.
[120] Na naasisuu kee irraa kan ka'e namummaan koo in rifata, firdii kees nan sodaadha.
[121] Ani wanta dhugaa, wanta qajeelaas hojjedheera; ati immoo warra na cunqursanitti ana hin dhiisin!
[122] Garbichi kee wanta gaarii akka argatuuf, amansiisa kenniif; namoonni gad-dhiisatti jiraatan ana hin cunqursin!
[123] Iji koo fayyisuu kee, wanta ati qajeelummaa keetiin abdachiiftes utuma eeggatuu in dadhabe.
[124] Akka gaarummaa keetiitti garbicha kee qabaa gaariidhaan qabi, seerrata kees na barsiisi!
[125] Ani garbicha kee ti; abboommii siif dhugaa ba'u akkan beekuuf, hubannaa anaaf kenni!
[126] Namoonni seera kee cabsaniiru, waa gochuun yowwana kaa, yaa Waaqayyo!
[127] Ani garuu abboommii kee warqee irra, warqee baqfamee qullaa'e irra caalaa nan jaalladha.
[128] Kanaafis ajaji kee hundinuu qajeelaa ta'uu isaa ani nan fudhadha, karaa sobaa hundumaas nan jibba.
[129] Abboommiin siif dhugaa ba'u dinqisiisaa dha, kanaafis ani lubbuudhumaaf isa nan eega.
[130] Saaqamuun dubbii keetii ifa in kenna, wallaalota iyyuu in hubachiisa.
[131] Ani abboommii kee waanan yaaduuf, afaan banee hawwaan nan eeggadha.
[132] Akka isa warra maqaa kee jaallataniif ta'u sanaatti, as anatti gara gali, araaras anatti argisiisi!
[133] Ejjennaa koo dubbii keetiin jabeessi, yakki tokko illee humna ana irratti hin godhatin!
[134] Ajaja kee hundumaa akkan eegutti, cunqursaa namaa jalaa na furi!
[135] Garbicha kee fuula ifaadhaan ilaali, seerrata kee immoo na barsiisi!
[136] Namoonni seera kee waan dhiisaniif, imimmaan ija koo keessaa baay'isee in lola'a.
[137] Yaa Waaqayyo, ati qajeelaa dha, firdiin ati kennitus hin jal'atu.
[138] Ati qajeelummaadhaan, amanamummaa guutuudhaanis, abboommii siif dhugaa ba'u baafteetta.
[139] Hamajaajiiwwan koo dubbii kee waan irraanfataniif, hinaafuun koo badduu na baase.
[140] Dubbiin kee dhugaa ta'uun isaa baay'ee amansiisaa dha, garbichi kees isa in jaallata.
[141] Ani nama xinnaa dha, tuffatamaa dhas; ajaja kee garuu hin irraanfadhu.
[142] Qajeelummaan kee qajeelummaa bara baraa ti, seerri kees dhugaa dha.
[143] Rakkinnii fi dhiphinni na argatan, abboommiin kee garuu garaa na ciibsa.
[144] Abboommiin siif dhugaa ba'u bara baraan qajeelaa dha, ati hubannaa anaaf kenni, lubbuunis anatti in deebiti.
[145] Ani garaa guutuudhaan nan waammadha, ati ana jalaa owwaadhu, yaa Waaqayyo! Ani seerrata kee nan eega.
[146] Ani sin waammadha, ati ana oolchi! Ani immoo abboommii siif dhugaa ba'u nan eega.
[147] Utuu lafti hin bari'in dhufee, gargaarsaaf gara keetti nan iyyadha; ani dubbii kee abdiidhaan nan eeggadha.
[148] Wanta ati jette irra-deddeebi'ee itti yaaduudhaaf, yeroon itti dammaqa halkaniif ka'an utuu hin ga'in hirribni ija koo irraa bade.
[149] Akka gaarummaa keetti sagalee koo dhaga'i, yaa Waaqayyo! Araara keetiin lubbuu anatti deebisi!
[150] Warri akeeka hamaa baafatanii na ari'atan anatti dhi'aataniiru, isaan seera keettii immoo fagaataniiru.
[151] Ati garuu dhi'oo dha, yaa Waaqayyo, abboommonni kee hundinuus dhugaa dha.
[152] Isaan bara baraan akka jiraataniif dhaabuu kee, ani duraan dursee seera siif dhugaa ba'u sanaan beekeera.
[153] Ani seera kee hin irraanfanne, ati dhiphina koo ilaalii na oolchi!
[154] Dubbii koo anaaf falmi, na furis, akka abdii keetiitti ati lubbuu anatti deebisi!
[155] Jal'oonni seerrata kee waan hin barbaaddanneef, fayyinni isaan irraa fagoo dha.
[156] Oo'i kee guddaa dha, yaa Waaqayyo, araara keetiin lubbuu anatti deebisi!
[157] Warri na ari'atan, warri diina anatti ta'anis baay'ee dha, ani garuu wanta seerri kee dhugaa ba'u irraa hin jal'anne.
[158] Warra gara-gaggalan arguun ana in jibbisiise, isaan wanta ati jette hin eegan.
[159] Ajaja kee attam akkan jaalladhu ilaali! Akka gaarummaa keetti lubbuu anatti deebisi, yaa Waaqayyo!
[160] Dubbiin kee walumattiin isaa dhugaa dha, firdiin kee inni qajeelaan hundinuu, bara baraan in jiraata.
[161] Gurguddoonni sababii malee na ari'atu, ani garuu garaadhuma guutuun dubbii kee sodaadha.
[162] Akka nama boojuu guddaa argatee, ani wanta ati jettutti nan gammada.
[163] Soba nan jibba, nan ciigga'as; seera kee garuu nan jaalladha.
[164] Firdii kee isa qajeelaa sanaaf, guyyaatti si'a torba sin jajadha.
[165] Warri seera kee jaallatan sun nagaa guddaa qabu, wanti isaan gufachiisus hin jiru.
[166] Fayyisuu kee abdiidhaan nan eeggadha, yaa Waaqayyo! Abboommii kees nan raawwadha.
[167] Ani abboommii siif dhugaa ba'u lubbuudhumaaf nan eega, baay'ises isa nan jaalladha.
[168] Karaan koo hundinuu si dura waan jiruuf, ajaja kee, wanta seerri kee siif dhugaa ba'us nan eega.
[169] Iyyati koo si bira anaaf haa ga'u, yaa Waaqayyo, akka dubbii keetti hubannaa anaaf kenni!
[170] Himati koo si bira anaaf haa dhufu, akka abdachiiftetti na oolchi!
[171] Ati seerrata kee waan na barsiiftuuf, afaan koo jajata gad jijjigsa.
[172] Abboommiin kee hundinuu qajeelaa waan ta'eef, arraba kootiin waa'ee dubbii kee nan faarfadha.
[173] Harki kee na gargaaruudhaaf qophaa'aa haa ta'u! Anoo ajaja kee fo'adheera.
[174] Yaa Waaqayyo, gargaarsa kee isa fayyisu hawwaan nan eeggadha, seerri kee immoo garaa na ciibsa.
[175] Lubbuun koo akka jiraattu godhi, isheenis si haa jajattu! Wanti qajeelaa ta'ee si duratti fudhatames ana haa gargaaru!
[176] Ani akka hoolaa badee karaa irraa nan kaadhe, abboommii kee garuu hin irraanfanne; kanaafis ati garbicha kee barbaadi.