[1] Yaa Waaqayyo, ati maaliif raawwattee nu gatta” Hoolota tika kee jala jiran irrattis, dheekkamsi kee maaliif boba'a”
[2] Waldaa kee isa durii durii jalqabdee kan kee godhatte, isa gosa dhuunfaa kee godhachuudhaaf furte, tulluu Xiyoon isa iddoo buufata kee godhattes yaadadhu!
[3] Diinni waanuma mana qulqullummaa keessa jiru balleesseera, faana kee gara isa diigamee akkasitti hafe kanaatti qajeelfadhu!
[4] Warri si irratti ka'an iddoo walga'ii isa kan keetii keessa lixanii bookkisaniiru, milikkita ofii ittiin beekamanis dhaabbataniiru;
[5] akka namoota qottoowwan isaanii mukeetii gobbuu irratti ol fudhatanii, isaanis ofii isaaniitii kanaan in beekaman.
[6] Achumaanis muka isaa isa bifa qiqqirixamaa argisiisu, walitti qabaa isaa qottoodhaaf burruusaan kukkutanii in caccabsan.
[7] Iddoo kee isa qulqullaa'aatti ibidda naqan, iddoo buufata maqaa kees lafatti dabalanii xureessan.
[8] Garaa isaaniittis, “Walitti qabaa isaanii lafa irraa in balleessina” jedhan; biyya sana keessaa iddoo itti wal ga'an isa kan Waaqayyoo hundumaa in guban.
[9] Nuyi milikkitoota garaa garaa achi nuuf kaa'aman hin arginu, raajiin tokko illees hin jiru, kun hamma yoomiitti akka turu immoo, nu keessaa namni beeku hin jiru.
[10] Hamajaajiin hamma yoomiitti arrabsa, yaa Waaqayyo, diinni hamma bara baraatti maqaa kee haa tuffatuu ree”
[11] Ati maaliif harka kee deebifatta” Harka kee mirgaa hiikkadhuu lafa irraa isaan balleessi!
[12] Haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo mootiin koo kan durii durii ti, irra lafaa keessattis gocha fayyisuu isaa hundumaa in raawwata.
[13] Ati aangoo keetiin galaana gargar hirtee, mataa bineensota akka jawwee galaanatti galaniis bishaan irratti in caccabsite.
[14] Ati mataa baay'ee isa kan lewaataan bineensicha guddichaa in hurreessite, isas bineensota lafa onaa keessa jiraataniif nyaata gootee in laatteef.
[15] Ati burqituu fi yaatuun akka bubbisan in goote, laga takkaa hin gognes in gogsite.
[16] Guyyaan kan kee ti, halkanis immoo kan kee ti, biiftuu fi ibsaa warra kaanis situ cimsee dhaabe.
[17] Daarii lafaa hundumaa situ dhaabe, bonaa fi gannas situ uume.
[18] Yaa Waaqayyo, diinni attam akka si arrabsu, sabni gowwaanis maqaa kee attam akka tuffatu yaadadhu!
[19] Lubbuu warra kan keetii warra akka gugee, bineensa caakkaatti hin kennin; jireenya warra gadadamoo kan keetiis, bara baraan hin irraanfatin!
[20] Biyyicha keessaa iddoowwan dhokannaa warri dukkanaa'on, humnaan nama irratti ka'uudhaan waan guutaniif, ati immoo kakuu kee yaadadhu!
[21] Warri gadadamoonni qaana'anii akka deebi'an hin godhin! Warri gad deebi'anii fi warri dhaban maqaa kee haa jajatan!
[22] Ka'i, yaa Waaqayyo dubbii kee falmadhu, warri gowwaan guyyaa guutuu akka si arrabsan yaadadhu!
[23] Ati iyyuu hamajaajii keetii, caraanuu warra si irratti ka'anii isa yeroo hundumaa gara keetti ol ka'u hin irraanfatin!