Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:54

[1] Waaqayyoon galateeffadhaa, maqaa isaa waammadhaa, gocha isaas saba hundumaa keessatti beeksisaa!

[2] Isa faarfadhaa, sagalee mi'a faarfannaatiin isa jajadhaa, waa'ee hojii isaa isa dinqisiisaa hundumaas himaa!

[3] Maqaa isaa isa qulqulluudhaan of jajaa, garaan warra Waaqayyoon barbaadanii haa gammadu!

[4] Waaqayyoon, aangoo isaas qoradhaa, yeroo hundumaa fuula isaa barbaaddadhaa!

[5] Hojii dinqisiisaa inni hojjete, milikkita inni argisiises, firdii inni kennes yaadadhaa!

[6] Isin sanyiin hojjetaa isaa Abrahaam, isin ilmaan Yaaqoob warri isaaf fo'amtan kana yaadadhaa!

[7] Inni Waaqayyo gooftaa keenya, firdiin isaa lafa hundumaa in qaqqaba.

[8] Inni kakuu isaa bara baraan, dubbii abboommii isaas hamma dhaloota kumaatti in yaadata;

[9] kakuu Abrahaamiif kakate, isa Yisihaqiif wareeges in yaadata;

[10] kun Yaaqoobiif seerrata, Israa'eliif kakuu bara baraa akka ta'uuf cimsee in dhaabe;

[11] Waaqayyo,“Ga'aa dhaala sanyii keetii akka ta'uuf, biyya Kana'aan siif nan kenna” jedhe.

[12] Yeroo sana lakkoobsi namoota isaanii hin baay'anne, isaan muraasa, orma biyya sanatti galanii dhas.

[13] Saba tokko keessaa gara saba kaaniitti, mootummaa tokko keessaas gara warra kaaniitti in daddarbu turan.

[14] Waaqayyo, namni tokko illee akka isaan cunqursu hin goone, inni isaaniif jedhee mootota iyyuu ifatee,

[15] “Warra ani dibee moosise hin tuqinaa, raajota koo irrattis hamaa hin hojjetinaa!” jedhe.

[16] Inni biyyicha irratti beela buuse, qodaa isaaniis hundumaa cabse, buddeena isaan dhabsiise.

[17] Garuu fuula isaanii dura nama tokko ergeera, innis Yoseef isa garbicha ta'ee gurguramee dha;

[18] miilla isaa funyoo sibiilaatiin miidhaniiru, ofii isaatiis hidhaa sibiilaatti gale;

[19] hidhamuun isaas wanti inni jedhe hamma raawwatamutti, dubbiin Waaqayyoos hamma dhugaa baasuufitti ture.

[20] Mootichi ergee gad isa in dhiisise, inni saba baay'ee irratti mo'es akka inni hiikamu in godhe;

[21] mana isaa irratti gooftaa, qabeenya isaa hundumaa irrattis abboomaa isa godhate;

[22] gurguddoota biyya isaa akkuma yaadetti haa gorsuuf, maanguddoota biyya isaas ogummaa haa barsiisuuf isa dhaabe.

[23] Israa'el biyya Gibxi dhaqe, Yaaqoob biyya Kaamitti galaa ta'e.

[24] Waaqayyo immoo sabni isaa baay'isee akka wal horu, diinota isaa caalaas akka jabaatu in godhe.

[25] Warri Gibxi saba isaa akka jibbaniif, hojjetoota isaas haxxummaadhaan akka qabaniif, inni yaada isaanii in geddare.

[26] Yommus Waaqayyo, Musee hojjetaa isaa, Aaron isa fo'ates in erge;

[27] isaan namoota keessatti milikkita isaa, biyya Kaamittis dinqii isaa in argisiisan.

[28] Inni dukkana itti ergee, lafa dukkaneesse, isaan garuu dubbii isaatiin in morman.

[29] Bishaan laga isaanii hundumaa dhiigatti diddiiree, qurxummiin isaanii hundinuus akka du'an godhe;

[30] fatteen lakkoobsa hin qabne biyya isaanii irra yaa'e, lafa bultii mootii isaanii iyyuu in ga'e.

[31] Inni dubbannaan gurmuun qarxaasaa, bookeenis lafa isaanii irratti in dhufe;

[32] inni qooda bokkaa cabbii kenne, ibidda boba'aas biyya isaaniitti in bobeesse.

[33] Waynii isaaniitii fi harbuu isaanii in balleesse, muka biyya isaaniis in caccabse;

[34] inni dubbannaan hawaannisi, korophisi lakkoobsa hin qabnes in ba'an;

[35] biqiltuu lafa isaanii hundumaa in nyaatan, wanta qotiisa isaanii irraa argamus in fixan.

[36] Biyya isaanii keessaa angafa hundumaa, humna isaanii isa jalqabaa hundumaas in rukute.

[37] Warri Israa'el immoo meettiidhaa fi warqee fudhatanii akka ba'an godhe; gosa isaanii keessaas namni tokko illee laafee hin kufne.

[38] Warri Gibxi baay'isanii waan isaan sodaataniif, ba'anii adeemuu warra Israa'elitti in gammadan.

[39] Waaqayyo isaan golguuf duumessa, halkan isaaniif ibsuufis ibidda in kaa'eef.

[40] Gaafachuu isaanii irratti inni dimbiriqqee isaaniif fide, buddeena waaqa irraatiinis isaan in quufse.

[41] Inni kattaa bane, bishaanis keessaa in ba'e, akkuma lagaatti lafa gogaa keessa yaa'e.

[42] Innoo dubbii isaa isa qulqulluu, isa Abrahaam hojjetaa isaatti dubbate yaadateera.

[43] Sabni isaa gammachuudhaan, warri isaaf fo'amanis sagalee gammachuu dhageessisuudhaan akka ba'an godhe.

[44] Biyya saba lafa irraa isaaniif kenne, wanta sabni warri kaan itti dadhabanii argatanis akka of harka galfatan in godhe;

[45] kunis isaan seerrata isaa akka fudhataniif abboommii isaas akka eeganiif ta'e; Waaqayyoon jajadhaa!

Macaafota Faarfannaa — Chapters