Listen to this chapter • 1:19
[1] Yaa Waaqayyo, maqaa keetiin ati na oolchi, aangoo keetiinis dhugaa anaaf baasi!
[2] Kadhata koo dhaga'i, yaa Waaqayyo, dubbii ani afaan kootiin sitti himadhus dhaggeeffadhu!
[3] Namoonni ormaa ana irratti ka'aniiru, warri nama sodaachisanis jireenya koo balleessuu in barbaadu; isaan Waaqayyoon of dura hin buufanne.
[4] Kunoo, Waaqayyo gargaaraa koo ti, gooftichi irkisaa jireenya kootii ti.
[5] Wanti hamaan warra ija diinummaatiin na ilaalanitti haa deebi'u; ati amanamaa waan taateef isaan fixi!
[6] Ani jaalala kootiin aarsaa siif nan dhi'eessa, yaa gooftaa, ani maqaa kee isa gaariidhaaf galata nan galcha!
[7] Ati rakkina hundumaa keessaa waan na baafteef, iji koo gammachuudhaan diinota koo of jalatti in ilaala.
Macaafota Faarfannaa — Chapters
11:0421:3931:1141:3752:1661:3472:4381:4093:25103:30111:20121:40131:06141:25151:08161:51172:34188:13192:50201:41212:06224:55231:04241:42253:02261:44272:52281:56291:50302:16314:15322:00333:00343:03354:36362:01375:50383:13392:39403:40412:05422:23431:13443:43453:10462:00471:36482:23493:26503:29513:07521:48531:37541:19553:55562:20572:21582:19593:27602:48611:20622:31631:45641:43652:37663:07671:14686:28695:34701:10714:02723:29734:08743:50751:52762:05773:157810:39792:26803:01812:38821:18832:45842:11851:52862:56871:14882:56897:09902:45912:18922:11931:05943:08951:45962:18971:52981:38991:461000:581011:341023:511033:071045:211055:541066:541075:511082:261094:131101:161111:391121:371131:171141:071152:171162:271170:281183:4111921:211200:591211:051221:171230:561241:081251:031261:111271:101281:021291:151301:161310:501322:541330:481340:371352:591363:271371:301381:411393:401402:211411:591421:361432:101442:501453:161461:501472:571482:141491:321501:11