Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:29

[1] Waaqayyo gooftaan inni danda'aan in dubbata, ba'a-biiftuutii jalqabee hamma lixa isheettis biyya lafaa in waama;

[2] tulluu mandara Xiyoon isa miidhagummaatti guutuu ta'e irraa, Waaqayyo in calaqqisa.

[3] Waaqayyo keenya in dhufa, callumas hin jedhu; ibiddi xaph godhu fuula isaa dura, bubbeen humna-qabeessis naannoo isaa jira.

[4] Inni saba isaatiif firdii kennuudhaaf, bantiiwwan waaqaa warra gara olii jiran, lafas itti in waama.

[5] “Warra anaaf of kennan, warra aarsaa irratti anaa wajjin kakuutti galan, walitti anaaf qabaa!” in jedha.

[6] Waaqayyo ofii isaa abbaa firdii waan ta'eef, bantiiwwan waaqaa qajeelummaa isaa in labsu!

[7] “Ani nan dubbadha ati immoo dhaggeeffadhu, yaa saba ko! Ani Waaqayyo, Waaqayyo kee ti; yaa Israa'el, ani si irratti dhugaa nan ba'a.

[8] Ani“Aarsaa kee nan dhabe” jedhee si hin komadhu, aarsaan qalma keetii yeroo hundumaa fuula koo dura jira.

[9] Ani dallaa keetii tuntunoo, karra kee keessaas korbeessa hin fudhadhu;

[10] bineensi caakkaa keessa jiraatan hundinuu, horiin tulloota kuma irratti bobba'anis kan koo ti.

[11] Ani simbirroota qilleensa keessa balali'an hundumaa beeka, warri bakkee keessa adeeman hundinuus kan koo ti.

[12] “Biyyi lafaa wanti isa keessa guutes kan koo waan ta'eef, ani utuun beela'ee iyyuu sitti hin himadhu.

[13] Ani foon korommii nan yaadhaa ree” Yookiis dhiiga korbeeyyii nan dhugaa ree”

[14] Waaqayyoof galata aarsaa godhii dhi'eessi, wareega kees aabba isa hundumaa gara irraaf baasi!

[15] Guyyaa rakkinaatti na waammadhu, ani isa keessaa butee sin baasa, ati immoo ulfina anaaf in laatta” in jedha.

[16] Isa jal'aadhaan garuu Waaqayyo, “Ati maalummaa keetti seerrata koo tokko tokkoon himta” Kakuu koos maaliif maqaa dhoofta?” in jedha.

[17] Itti fufees,“Ati adaba jibbiteetta, dubbii koos of duubatti gatte.

[18] Hattuu yoo argite gammachuudhaan hojii isaa keessaa in qabaatta, ejjitootaa wajjinis hidhata in taata.

[19] “Afaan kee hamaa akka dubbatuuf gad in dhiifta, arrabni kees gowwoomsaa tarree in galcha.

[20] Ati gad teessee obboleessa kee irratti in dubbatta, sobaanis maqaa haadhoo keetii in balleessita.

[21] Ati kana gooteetta, ani immoo calluman jedhe; kanaaf ati akkuma ofii kee na seete; amma garuu ani sin ifadha; waan ati gootes ija keetti nan argisiisa.

[22] “Egaa isin warri ana Waaqayyoon irraanfattan kana hubadhaa! Kanaa achi ani nan tatarsaasa, namni tokko illees kan oolchu hin jiru.

[23] Namni galata aarsaa godhee dhi'eessu, ulfina anaaf in kenna; isa karaa isaa qajeelfatuttis, fayyisuu koo nan argisiisa!” in jedha.

Macaafota Faarfannaa — Chapters