[1] Nuyi si galateeffanna, yaa Waaqayyo, nuyi si galateeffanna! Ati maqaa kee isa beekamaadhaan warra gocha kee isa dinqisiisaa himanitti dhi'oo dha.
[2] Waaqayyo,“Yeroon murtoo godhee dhaabe sanatti, firdii qajeelaa nan kenna;
[3] lafti, warri lafa irra jiraatan hundinuus iddoo isaanii yommuu gad dhiisan, utuboota lafichaa jabeessee kan eegu ana” in jedha.
[4] Warra of jajaniin,“Of hin jajinaa!” Warra jal'ootaanis, “Gaanfa mataa keessanii irra-keessa hin qabatinaa!
[5] Gaanfa mataa keessanii ol hin qabatinaa! Morma yaafachuudhaanis hin dubbatinaa!” nan jedha.
[6] Nama ol qabuun ba'a-biiftuutii, lixa-biiftuutii, lafa duwwaatiis hin dhufu;
[7] firdii kan kennu immoo Waaqayyoo dha, isa tokko gad in deebisa, isa kaanis ol in qaba.
[8] Waaqayyo xoofoo daadhii waynii makaa qabu isa hoomachaa'u of harkaa qaba; inni daadhii waynichaa isa firdiif kennamu irraa in buusa, jal'oonni lafa irra jiran hundinuu isa in dhugu, siicoo isaa wajjinis isa in xururfatu.
[9] Ani garuu bara baraan kana nan labsa, Waaqayyoon isa kan Yaaqoob faarfannaadhaan nan jajadha;
[10] inni mataa jal'ootaa hundumaa irraa gaanfa in cira, gaanfi mataa warra qajeelotaa garuu ol in qabama.