[1] Nuyiif miti, yaa Waaqayyo, nuyiif miti, gaarummaa kee fi amanamummaa keef jedhii, maqaan kee ulfina akka argatu godhi!
[2] Sabni lafa irraa,“Waaqayyo isaanii eessa jira?” jechuudhaaf maaliif karaa argatu?
[3] Waaqayyo keenya waaqa irra jira, waanuma isatti tolu in hojjeta.
[4] Waaqayyoliin isaanii warri tolfaman meettii dha, warqee dha, harka namaatiin hojjetamanis;
[5] afaan itti jira, garuu dubbachuu hin danda'an; iji itti jira, garuu arguu hin danda'an;
[6] gurri itti jira, garuu dhaga'uu hin danda'an; funyaan itti jira, garuu fuunfachuu hin danda'an.
[7] Harka isaaniitiin qaqqabachuu hin danda'an; miilla isaaniitiinis adeemuu hin danda'an, laagaa isaaniitiinis sagalee hin dhageessisan.
[8] Warri isaan tolchan, warri isaan amanatanis hundinuu akuma isaanii ti.
[9] Yaa warra Israa'el, Waaqayyoon amanadhaa! Inni gargaarsa keessan, gaachana keessanis.
[10] Yaa mana Aaron, Waaqayyoon amanadhaa! Inni gargaarsa keessan, gaachana keessanis.
[11] Isin warri Waaqayyoon sodaattan Waaqayyoon amanadhaa! Inni gargaarsa keessan, gaachana keessanis.
[12] Waaqayyo nu yaadateera, inni nu eebbisa; inni mana Israa'el in eebbisa, inni mana Aaron in eebbisa;
[13] inni warra Waaqayyoon sodaatan, warra xixinnaa, warra gurguddaas in eebbisa;
[14] Waaqayyo isin haa baay'isu, isin, ijoollee keessanis mana haa guuchisu!
[15] Waaqayyo isa waaqaa fi lafa uumeef, kan eebbifamtan in taatu!
[16] Bantiiwwan waaqaa kan Waaqayyoo ti, lafa garuu ilmaan namaatiif kenne.
[17] Warri du'oon, iddoo warra calluma jedhaniitti kan gad bu'an, Waaqayyoon jajachuu hin danda'an.
[18] Nuyi garuu ammaa jalqabnee hamma bara baraatti, maqaa Waaqayyoo in eebbifna. Waaqayyoon jajadhaa!