Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:37

[1] Yaa Waaqayyo isa dhugaa anaaf baaftuu, yeroon si waammadhu anaaf deebisi! Yeroo ani muddama keessa turetti, ati keessaa na baafteetta; ati araara anatti argisiisi! Kadhata koos anaaf dhaga'i!

[2] Yaa jarana, isin hamma yoomiitti ulfina koo salphiftu” Hamma yoomiitti dubbii waa'ee hin baafne jaallattu” Hamma yoomiittis soba faana dhooftu”

[3] Garuu Waaqayyo warra kan isaa ta'an, addaan akka baafate beekaa! Waaqayyo yeroo ani isa waammadhutti anaaf in dhaga'a;

[4] yoo aartan iyyuu, cubbuu hin hojjetinaa! Yeroo gab jettanii siree keessan irra jirtanitti, kana garaa keessanitti itti yaadaa!

[5] Aarsaa isa qajeelaa dhi'eessaa! Waaqayyotti amanattaniis isatti dhiisaa!

[6] Namoonni baay'een,“Eenyutu waan gaarii nutti argisiisa?” in jedhu; yaa Waaqayyo, ati ifa fuula keetii nu irratti ol kaasi!

[7] Isa warri kaan midhaan isaanii fi daadhii waynii isaanii baay'ee irraa argatan caalaatti, ati gammachuu caalu garaa koof kenniteetta.

[8] Yaa Waaqayyo, akka ani qoofniitti sodaa malee jiraadhu situ godha; kanaafis ani akkuman ciiseen nagaatti nan rafa.

Macaafota Faarfannaa — Chapters