Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:08

[1] “Inni gara keenya gore Waaqayyo utuu ta'uu dhabaatee” haa jedhu sabni Israa'el!

[2] Yeroo namoonni nu irratti ka'an, “Inni gara keenya gore Waaqayyo utuu ta'uu dhabaatee”

[3] silaa yeroo aariin isaanii nu irratti boba'e sana, isaan fayyaatti nu in liqimsu turan.

[4] Silaa lolaan nu fudhatee in sokka, bishaan bubbisus mataa keenya irra in yaa'a ture.

[5] Silaa huursaan bishaanii, mataa keenya irra in yaa'a ture.

[6] Waaqayyo inni afaan isaanii keessa nu hin buusin, ulfinaan haa jajamu!

[7] Akka simbirroonni kiyyoo adamsituu jalaa baatu, nuyis isaan jalaa in baane kiyyichi in ciccite, nuyis jalaa in baane.

[8] Maqaa Waaqayyoo isa waaqaa fi lafa uumeen, nuyi gargaarsa arganne.

Macaafota Faarfannaa — Chapters