[1] Araara anatti argisiisi, yaa Waaqayyo! Lubbuun koo kooluu waan sitti galteef, araara anatti argisiisi! Badiisi jabaan hamma darbutti, ani gaaddisa bobaa kee jalatti kooluu nan gala.
[2] Waaqayyo isa hundumaa gara irraatti, Waaqayyo isa dubbii koo anaaf raawwatutti nan iyyadha.
[3] Nama arrabsee na ari'u jalaa na oolchuudhaaf, inni waaqa irraa in erga; Waaqayyo gaarummaa isaa fi amanamummaa isaa in erga.
[4] Warra akka leencaa nama nyaachuu kajeelanii ija isaanii bobeessan gidduu nan ciisa; ilkaan isaanii akka eeboo fi akka xiyyaa ti, arrabni isaaniis akka billaa qaramaa ti.
[5] Bantiiwwan waaqaa gara irraatti ol ka'i, yaa Waaqayyo! Ulfinni kees lafa hundumaa irratti ol haa jedhu!
[6] Warri sun miilla koo dura futtaasaa dhaaban, lubbuun koos gadditee gad deebite; boolla anaaf qotan, ofuma isaaniitii immoo walakkaa isaatti kufan.
[7] Garaan koo hin shakku, yaa Waaqayyo! Garaan koo hin shakku; sin faarfadha, sagalee mi'a garaa garaas nan dhageessisa.
[8] Yaa lubbuu ko dammaqi, yaa kiraaraa, yaa maseenqoo, dammaqaa! Ani barii lafaa nan dammaqsa.
[9] Ani namoota keessatti sin galateeffadha, yaa gooftaa, saba lafa irraa keessattis faarfannaadhaan sin jajadha;
[10] gaarummaan kee hamma bantii waaqaatti in guddata, amanamummaan kees hamma duumessaa in ga'a.
[11] Bantiiwwan waaqaa gara irraatti ol ka'i, yaa Waaqayyo! Ulfinni kees lafa hundumaa irratti ol haa jedhu!