Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:15

[1] Israa'el,“Mucummaa kootii jalqabanii, baay'ee diina anatti ta'an” haa jedhu!

[2] “Mucummaa kootii jalqabanii baay'ee diina anatti ta'an, haa ta'u iyyuu malee, humna ana hin caalle.

[3] Akkuma nama qotiisa qotuu dugda koo in tattaraaran, akka isa bo'oo dhedheeraa baasuus madaa isaa tarree galchan.

[4] Waaqayyo garuu qajeelaa dha, inni funyoo jal'ootaa kuteera” haa jedhu!

[5] Warri Xiyoonin jibban hundinuu haa yeellaasifaman, gara booddee isaaniis haa deebi'an!

[6] Akka marga bantii manaa irratti biqilee, utuu namni hin buqqisin goguu haa ta'an!

[7] Margi sun qabaa nama isa haamuu, kaasuu isa bissii hidhuus hin guutu.

[8] Warri achiin darban, “Eebbi Waaqayyoo isiniif haa ta'u” isaaniin hin jedhan! Nuyi garuu maqaa Waaqayyootiin isin in eebbifna!

Macaafota Faarfannaa — Chapters