[1] Namni isa dadhabaadhaaf yaadu haa gammadu! Waaqayyo guyyaa hamaatti isa in oolcha;
[2] Waaqayyo isa in eega, jireenyas in kennaaf; biyya keessattis “Isa gammade” in jedhama, yaa gooftaa ati, gojomii diinota isaatti dabarsitee isa hin kennitu.
[3] Waaqayyo siree dhukkubaa irratti ol isa in qaba, fayyisees siree dhukkubaa irraa isa in kaasa.
[4] Ani immoo,“Yaa Waaqayyo, anaaf oo'i, ani si duratti cubbuu hojjedheera, na fayyisi!” jedhee kadhadheera.
[5] Diinonni koo hamaa ana irratti in dubbatu, “Inni yoom du'a, maqaan isaas yoom lafa irraa bada?” in jedhu.
[6] Namni ana ilaaluu dhufu, sobee anaa wajjin in haasa'a, garaa isaatti immoo dubbii hamaa kuufatee karaatti ba'ee isa in odeessa;
[7] warri ana jibban hundinuu waa'ee koo walitti in hasaasu, wanta hamaa yaadanii ana irratti in qopheessu.
[8] Isaan,“Dubbii gadheetu isa irra ga'e, lafa ciisees deebi'ee hin ka'u” in jedhu.
[9] Namni garaa kootii, inni ani amanadhe, inni buddeena koo nyaate illee ana dhiituuf miilla ol fudhate.
[10] Yaa Waaqayyo, ati faara anaaf toli, diinota kootiif dugda akkan baasutti lafan ciisee ana kaasi!
[11] Yeroo diinonni koo sagalee mo'ichaa ana irratti dhageessisuu dadhaban, anatti gammaduu kee ani kanaan nan beeka.
[12] Ani balleessaa malee waanan argamuuf, ati ol qajeelchitee na qabda, bara baraanis of dura na dhaabda.
[13] Waaqayyo gooftaan Israa'el, maqaan isaa baraa hamma bara baraatti haa eebbifamu! Ameen! Ameen!