Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 10:39

[1] Yaa saba ko, gurra keetiin barsiisa koo dhaggeeffadhu, gurra kee gara dubbii afaan koo keessaa ba'uutti qabi!

[2] Ani jecha ogummaatiin afaan koo nan saaqadha, jecha dhokataa durii duriis bakkeetti nan baasa.

[3] Dubbii nuyi dhageenyee, beekuu bira geenyes, isa abboonni keenya nutti himan,

[4] gocha gooftichaa isa jajamaa fi aangoo isaa, dinqii inni hojjetes, nuyi dhaloota dhufutti in himna malee, ijoollee isaanii jalaa hin dhoksinu!

[5] Inni abboommii isaaf dhugaa ba'u Yaaqoob keessatti jabeesse, seera isaas Israa'el keessatti dhaabateera; isaan kanas ijoollee isaanii akka barsiisaniif, inni abboota keenya in ajaje.

[6] Egaa, dhaloonni itti aanu isaan kana akka beekutti, warri amma illee hin dhalatin ka'anii, dabarsanii ijoollee isaaniitti haa himan!

[7] Isaanis immoo amanannaa isaanii Waaqayyo irra akka kaa'ataniif, abboommota isaas haa eegan malee, hojii Waaqayyoo hin irraanfatin,

[8] akkasumas akka abaabilii isaanii, warra boqu-jabeeyyii, warra isa irratti ka'anis, warra yaadni isaanii waan tokkotti jabaatee hin dhaabanne, hafuurri isaaniis Waaqayyo isaaniif kan hin amanamne hin ta'in!

[9] Ilmaan Efreem warri iddaa fi xiyya baatan, guyyaa lolaatti gara booddee isaanii deebi'an;

[10] isaan kakuu Waaqayyoo hin eegne, akka seera isaattis deddeebi'uu in didan.

[11] Isaan wanta inni hojjete, dinqii inni isaan argisiises in irraanfatan.

[12] Biyya Gibxitti, bakkee Zo'aanitti, fuula abboota isaanii duratti Waaqayyo hojii dinqisiisaa in hojjete;

[13] inni galaana gargar hiree, gidduu isaan dabarse, bishaanis akka tuullaatti akka dhaabatu godhe.

[14] Guyyaa duumessaan, halkan guutuu immoo ibsaa ibiddaatiin isaan in geggeesse.

[15] Inni lafa onaa keessatti kattaa dhoosee, bishaan baay'ee akka galaanaa kenneefii isaan obaase;

[16] kattaa keessaa bishaan in yaase, akka lagaatti isa keessaa akka lola'u in godhe.

[17] Isaan garuu ittuma dabalanii isa in yakkan, lafa onaattis aabba guddicha irratti in ka'an;

[18] nyaata dharra'an sana “Fidi” jechuu isaaniitiin, Waaqayyoon garaa isaaniitti in qoran.

[19] Isaan Waaqayyo irratti in dubbatan, “Waaqayyo lafa duwwaatti maaddii dhi'eessuu danda'aa ree”

[20] Eyyee, inni akka bishaan keessaa futta'utti kattaa rukuteera; lagoonni bishaan keessaa yaa'anis argamaniiru; amma immoo inni buddeena kennuu in danda'aa ree” Saba isaatiifis foon in argaafii ree?” jedhan.

[21] Kanaafis Waaqayyo kana dhaga'ee dheekkamsi isaa in boba'e, ibiddi Yaaqoobitti in qabate, aariin isaas Israa'el iratti in jabaate.

[22] Isaan Waaqayyotti hin amanne, gargaarsa isaas hin amananne.

[23] Utuma ta'uu iyyuu inni ol gara irraadhaa duumessoota ajajee, balbaloota waaqaas in bane;

[24] Maannaa akka nyaataniif gad isaaniif in roobse, midhaan waaqa irraas isaaniif in kenne.

[25] Inni nyaata isaan quufsu isaaniif in erge; namnis buddeena ergamoota warra waaqa irraa in nyaate.

[26] Inni qilleensi ba'a-biiftuu waaqa keessa akka qilleensa'u godhe, humna isaatiinis qilleensa gara mirgaa gad in baase.

[27] Inni foon akka biyyoo lafaa, simbirrootas akka cirracha galaanaa isaan irratti gad roobse.

[28] Isaan kun safara isaanii keessatti, naannoo lafa buufata isaaniittis akka bu'an godhe.

[29] Inni wanta isaan dharra'an waan isaaniif kenneef, isaanis nyaatanii ba'eessa godhanii in quufan.

[30] Garuu sassanni isaanii utuu irraa hin galin, nyaatichis amma iyyuu afaan isaanii keessa utuu jiruu,

[31] dheekkamsi Waaqayyoo isaan irratti ka'ee, isaan keessaa warra jajjaboo in ajjeese; Israa'el keessaas dargaggoota in kukkufise.

[32] Kana hundumaa keessaa immoo isaan ammas cubbuu hojjetan, dinqii inni argisiises hin amananne.

[33] Kanaaf guyyoonni isaanii akka qilleensa shuf jedhuu ti, waggoonni isaaniis wanta itti hin yaadaminiin akka dhuman in godhe.

[34] Yeroo inni isaan keessaa ajjeesetti isa in iyyaafatan, gara isaatti deebi'anii dhimmanii isa in barbaadan.

[35] Isaan kattaan isaanii Waaqayyo akka ta'e, Waaqayyo inni hundumaa gara irraa jirus furee isaanii akka ta'e in yaadatan.

[36] Isaan garuu afaan isaaniitiin isatti kuulan, arraba isaaniitiinis soba itti dubbatan.

[37] Garaa isaaniitiin garuu isaaf cimoo hin turre, kakuu isaafis hin amanamne.

[38] Inni garuu oo'a-qabeessa waan ta'eef, yakka isaanii isaaniif in dhiise, lafa irraas isaan hin balleessine; inni yeroo baay'ee aarii isaa gad ittise, dheekkamsa isaa hundumaas ol hin kaafne.

[39] Inni namoota foonii duwwaa ta'uu isaanii, yookiis akka qilleensa darbuu malee deebi'ee hin dhufne ta'uu isaanii in yaadate.

[40] Isaan lafa duwwaa keessatti si'a meeqa isa irratti ka'an, si'a meeqas lafa onaa keessatti isa gaddisiisan!

[41] Isaan deddeebi'anii isa in qoran, isa qulqulluu kan Israa'elis in aarsan.

[42] Isaan jabina irree isaa, isa gaafa inni qabaa hamajaajii keessaa isaan fure yaadatti hin qabanne.

[43] Yeroo inni Gibxitti milikkitoota argisiisee, dinqii isaas bakkee Zo'aanitti hojjete,

[44] inni bishaan laga isaanii dhiigatti diddiire, isaan yaatuu keessaas dhuguu hin dandeenye;

[45] inni gurmuu qarxaasaa isa isaan nyaate, fattees isa biyya isaanii balleesse isaanitti erge.

[46] Inni midhaan isaanii korophisaaf, ija waan itti dadhabaniis hawaannisaaf kenne;

[47] muka waynii isaanii cabbiidhaan, harbuu isaaniis qorra itti buusee in balleesse;

[48] saawwan isaanii cabbiitti, karra horii isaaniis bakakkaatti in kenne;

[49] inni garee ergamoota balleessanii, aarii isaa isa finiinaa, dheekkamsa, komee, rakkinas hiikee isaanitti gad dhiise.

[50] Aarii isaatiif karaa banee gad dhiise, jireenya isaanii dha'icha sanatti kenne malee, inni lubbuu isaanii du'a hin oolchine.

[51] Inni biyya Gibxi keessatti, angafa ta'ee kan dhalate hundumaa, humna isaanii isa jalqabaas godoo ijoollee Kaam sana keessatti rukute.

[52] Saba isaa immoo akka hoolotaatti achi keessaa baase; akka karra horiittis lafa onaa keessa karaa isaan argisiise.

[53] Inni nagaadhaan isaan in geesse, isaanis hin sodaanne, diinota isaanii garuu galaanatu irra gara gale;

[54] gara biyya isaa isa qulqullaa'aatti, gara tulluu harki isaa mirgaa qabateettis isaan in fide.

[55] Inni saba warra kaan fuula isaanii duraa oofee baase, lafas dhaala isaanii godhee muka buusuudhaan isaaniif in hire; gosa Israa'elis godoo isaanii keessa buufachiise.

[56] Isaan garuu Waaqayyo isa hundumaa gara irraa jiru qoranii isa irrattis in ka'an; abboommii isa isaaf dhugaa ba'us hin eegne.

[57] Isaan irraa gara galanii akka abboota isaanii haxxumaa hojjetan, akka iddaa qajeeltootti xiyya hin darbannee, isaanis dalga in goran.

[58] Iddoowwan ol ka'oo irratti sagadaniin tuttuqanii isa in aarsan, waaqayyolii tolfamoo isaaniitiinis isa in hinaafsisan.

[59] Waaqayyo kana dhaga'ee dheekkamsi isaa in boba'e, Israa'elinis raawwatee in tuffate.

[60] Iddoo taa'umsa isaa isa Shiiloo, godoo isa namoota gidduutti keessa buufates in dhiise.

[61] Inni sanduuqa kakuu isa humna isaa argisiisu boojuutti, isa guddina isaa argisiisus harka diinaatti in kenne.

[62] Inni saba isaa billaatti dabarsee kenne, warra dhunfaa isaa irratti dheekkamsa isaa in bobeesse.

[63] Dargaggoota isaanii ibiddatu fixe, durboota isaaniifis weedduun gaa'elaa hin weeddifamneef.

[64] Luboonni isaanii billaadhaan in dhuman, haadhonni hiyyeessaa isaaniis isaaniif boo'uu hin dandeenye.

[65] Yommus gooftichi akka waan hirribaa dammaquutti, akka loltuu jabaa daadhii waynii quufee dhaadatuuttis in ka'e.

[66] Inni hamajaajii isaa rukutee gara booddeetti isaan deebise, hamma bara baraattis yeellootti isaan kenne.

[67] Inni godoo Yoseef in tuffate, qomoo Efreemis hin fo'anne;

[68] qomoo Yihudaa garuu, tulluu Xiyoon isa jaallate sanas in fo'ate.

[69] Mana qulqullummaa isaa akka iddoowwan ol ka'ootti in ijaare, akka lafaattis bara baraan hundee isaa jabeessee in dhaabe.

[70] Inni Daawitin hojjetaa isaa in fo'ate, karra hoolotaa keessaas isa in baafate.

[71] Haadhotii hoolaa ilmoolee qaban tiksu biraas, Yaaqoobin saba isaa, Israa'elinis dhuunfaa isaa akka tiksuuf isa fide.

[72] Kanaaf Daawit garaa qajeelaadhaan isaan tiksee, harka-tolinaanis isaan in geggeesse.

Macaafota Faarfannaa — Chapters