[1] Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera, ati na eegi!
[2] Ani Waaqayyoon,“Ati gooftaa koo ti, ati anaaf wanta gaarii hundumaa dha” nan jedha.
[3] Warri isaaf qulqullaa'anii biyyicha keessa jiran ulfina-qaboota, isaan anaaf guutummaa gammachuu kootii ti.
[4] Warri Waaqayyoon dhiisanii kan biraa fudhatan, miidhama of irratti in baay'isu, dhibaayyuu dhiigaa isaaniif dhi'aatu ani hin dhibaafadhu, afaan kootiinis maqaa isaanii hin dha'u.
[5] Yaa Waaqayyo, ati qooda koo isa anaaf kennamee dha, ati xoofoo anaaf hiixatamee dha, ga'aan koos si harkaa in dhufa;
[6] funyoon safaraa iddoo gammachiisaa irra anaaf bu'e, eyyee, ani dhaala guddaa namatti tolu qaba;
[7] Waaqayyoon isa gorsa anaaf kenne nan jajadha halkanis immoo yaadni garaa koo isa kana na yaadachiisa;
[8] Waaqayyo yeroo hundumaa fuula koo dura anaaf jira, inni mirga koo waan jiruufis ani hin shishu;
[9] kanaafis garaan koo in gammada, lubbuun koo inni ulfina-qabeessi in ililcha, namummaan koos immoo sodaa malee in jiraata.
[10] Ati iddoo lafa jalaatti ana hin laattu, isa siif of kennes ijaan iyyuu qilee akka argu hin gootu.
[11] Ati karaa jireenyatti nama geessu na barsiifta, guutummaan gammachuu fuula kee dura, wanti namatti tolus immoo bara hundumaattuu mirga kee jira.