Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:14

[1] Mandarri Waaqayyo hundee ishee kaa'e, tulloota qulqullaa'oo gubbaa in dhaabatti;

[2] Waaqayyo iddoo buufata Yaaqoob hundumaa caalaa mandara Xiyoon karra ishee wajjin in jaallata.

[3] Yaa mandara Waaqayyoo, wanti ulfina-qabeessi waa'ee keef in dubbatama;

[4] “Rahaab-Gibxii fi Baabilonin warra ana beekanitti nan lakkaa'a, ilaa, warri Filisxiyaa, warri Xiiroos, warri Itiyoophiyaas akka warra achitti dhalataniitti fudhataman” in jedhama.

[5] Waa'ee Xiyooniifis, “Namni kun, namni sunis, ishee keessatti in dhalate, aabba inni hundumaa gara irraa jirus jabeessee ishee dhaabeera” in jedhama.

[6] Waaqayyo maqaa saba lafa irraa yeroo caafus, “Warri kun achitti dhalatan” in jedha.

[7] Warri faarfatanii fi warri weeddisaa naanna'an, “Wanti hundinuu si biraa anaaf in burqa” jedhanii wal jalaa in qabu.

Macaafota Faarfannaa — Chapters