Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:41

[1] Waaqayyo gaarii waan ta'eef, gaarummaan isaas bara baraan waan jiraatuuf, isaaf galata galchaa!

[2] Sabni Israa'el, “Gaarummaan isaa bara baraan in jiraata” haa jedhu!

[3] Manni Aaron, “Gaarummaan isaa bara baraan in jiraata” haa jedhu!

[4] Warri Waaqayyoon sodaatan, “Gaarummaan isaa bara baraan in jiraata” haa jedhan!

[5] Ani rakkina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe, inni immoo in owwaate, iddoo bal'aattis na baase.

[6] Waaqayyo gara koo erga ta'ee ani hin sodaadhu, namni maal na gochuu danda'a”

[7] Waaqayyo na gargaaruudhaaf gara koo erga ta'ee, ani gammachuudhaan warra na jibban of jalatti nan ilaala.

[8] Nama amanachuu irra Waaqayyotti kooluu galuu wayya.

[9] Warra gurguddoota amanachuu irra, Waaqayyotti kooluu galuu wayya.

[10] Sabni lafa irraa hundinuu na marsan, ani garuu maqaa Waaqayyootiin of irraa isaan nan kuta.

[11] Isaan ana naanna'anii na marsan, ani garuu maqaa Waaqayyootiin of irraa isaan nan kuta.

[12] Isaan akka gurmuu kanniisaa anatti tuuta'an, akka ibidda qoraattii kosorruus boba'anii in dhaamu; ani garuu maqaa Waaqayyootiin of irraa isaan nan kuta.

[13] Darbatamuu illee, akkan kufutti darbatameen ture; Waaqayyo garuu na gargaare.

[14] Waaqayyo humna kootii fi faarfannaa koo ti, inni fayyina koo anaaf ta'eera.

[15] Sagaleen gammachuu, kan mo'ichaas, godoo warra qajeelotaa keessatti in dhaga'ama; “Harki Waaqayyoo inni mirgaan aangoodhaan in hojjeta.

[16] Harki Waaqayyoo inni mirgaan ol in kaafama, harki Waaqayyoo inni mirgaan aangoodhaan in hojjeta?.

[17] Anoo hin du'u nan jiraadha; gocha Waaqayyoos tokko tokkoon nan hima.

[18] Waaqayyo jabeessee na adabeera, garuu du'atti dabarsee ana hin kennine.

[19] Isaan keessa ol galee Waaqayyoof galata akkan galchutti, isin balbala kelloota qajeelummaa anaaf banaa!

[20] Kun balbala kellaa Waaqayyoo ti, qajeelonni ittiin ol in galu.

[21] Ati waan na jalaa owwaatteef, fayyina koos waan anaaf taateef sin galateeffadha.

[22] Dhagaan inni warri ijaartuun tuffatan, isa mataa golee qajeelchu ta'e.

[23] Kun Waaqayyo biraa ta'e, inni immoo ija keenya duratti dinqisiisaa dha.

[24] Guyyaan Waaqayyo dhaabe isa kana, kottaa isatti in gammannaa, itti gammaduu keenyas in dhageessifnaa!

[25] Hadaraa yaa Waaqayyo, nu oolchi, hadaraa yaa Waaqayyo, wal nuuf qiqixeessi!

[26] Maqaa Waaqayyootiin inni dhufu eebbifamaa haa ta'u! Nuyi mana Waaqayyoo keessaa isin in eebbifna.

[27] Gooftichi Waaqayyoo dha, inni ifa nuuf in ta'a; toora cidhichaas damee baala qabuun, hamma gubbaa gaanfa iddoo arsaatti wal qabachiisaa!

[28] Ati Waaqayyo koo ti, ani galata siif nan galcha, yaa Waaqayyoo ko, ani ulfinaan ol sin kaasa.

[29] Waaqayyo gaarii waan ta'eef, gaarummaan isaas bara baraan waan jiraatuuf, isaaf galata galchaa!

Macaafota Faarfannaa — Chapters