Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 0:59

[1] Rakkina koo keessatti ani gara Waaqayyootti nan iyya, inni immoo na jalaa in owwaata.

[2] Afaan sobuu fi arraba gowwoomsu jalaa, ati na oolchi, yaa Waaqayyo!

[3] Yaa arraba gowwoomsituu, maal sitti fida laata” Maal sitti dabalas”

[4] Xiyyoolii jagnaa warra qara-qabeeyyii, barbadaa ibidda dhandhansaa wajjin sitti in fida.

[5] Ana isa akka nama warra Mesheek keessatti galaa ta'eef, akka isa godoowwan warra Qedaar keessa jiraatuufis wayyoo!

[6] Warra nagaa jibban gidduu, ani yeroo dheeraa taa'eera.

[7] Ani nagaa nan barbaada, yeroo ani waa'ee isaa dubbadhu garuu, isaan lolaaf in ka'u.

Macaafota Faarfannaa — Chapters