Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:26

[1] Yaa Waaqayyo, warri saba kee hin ta'in, isa ati dhuunfaa kee godhattetti galaniiru; mana qulqullummaa kee xureessaniiru; Yerusaaleminis lafatti dabalaniiru;

[2] isaan, allaattiin qilleensa keessa balali'an reeffa hojjetoota kee, bineensi lafaas foon warra siif of kennanii, akka nyaataniif kennaniiruuf.

[3] Naannoo mandara Yerusaalemitti, dhiiga isaanii akkuma bishaanii dhangalaasan, namni awwaalus hin argamne;

[4] nuyi saba ollaa keenya jiraniif muka ga'oo, warra biyya naannoo keenyaafis ceephoo fi tuffiidhaaf taaneerra.

[5] Yaa Waaqayyo, kun hamma yoomiitti akkas ta'a” Baruma hundumaa in aartaa ree” Hinaaftee dheekkamuun kees ittuma fufee akka ibiddaa in gubaa ree”

[6] Saba lafa irraa warra si hin beekne irratti, mootummoota maqaa kee hin waammanne irrattis dheekkamsa kee dhangalaasi!

[7] Isaanoo ijoollee Yaaqoob fixaniiru; qe'ee isaas onsaniiru.

[8] Yakka abboota keenya warra durii nutti hin yaadatin! Nuyi mataa buufneerra, oo'a keetiin dafii nutti adeemi!

[9] Yaa Waaqayyo isa fayyina nuuf laattuu, ulfina maqaa keetiif jedhii nu gargaari, maqaa keetiif jedhii nu oolchi, cubbuu keenyas nuuf dhiisi!

[10] Sabni lafa irraa, “Waaqayyo isaanii eessa jira?” jechuudhaaf maaliif karaa argatu” Dhiiga hojjetoota kee isa dhangalaafameef, ija keenya duratti gumaa baasuun kee, warra saba kee hin ta'in irratti haa beekamu!

[11] Aadnaan warra hidhamanii si bira haa ga'u, irree kee isa cimaadhaan warra du'i itti faradame ati hambisi!

[12] Yaa gooftaa, arrabsoo sabni ollaa keenyaa ittiin si arrabsan, harka torba godhii mataa isaaniitti deebisi!

[13] Nuyi namoonni kee, warri tika kee jala jirru garuu, bara baraan si galateeffanna, dhalootaa hamma dhalootaattis jajuu kee in himna!

Macaafota Faarfannaa — Chapters