Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:02

[1] Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera, ati yoom iyyuu akka ani hin yeellaasifamne godhi!

[2] Ati qajeelummaa keetiin kana jalaa na baasi, na oolchis! Gurra kee gara kootti qabi, na gargaaris!

[3] Yeroo hundumaa akkan itti deddeebi'utti, ati kattaa ani itti galee jiraadhu anaaf ta'i! Ati kattaa koo fi masaraa koo waan anaaf taateef, ana fayyisuudhaaf abboomteetta.

[4] Yaa Waaqayyoo ko, harka nama jal'aa keessaa, qabaa nama dalgifamaa, nama humnaan nama irratti hojjetu keessaas ana baasi!

[5] Yaa Waaqayyo gooftaa ko, ati abdii koo ti, ati mucummaa kootii jalqabdee amanannaa koo ti!

[6] Garaa haadha koo keessaa situ na baase, dhalachuu kootii jalqabee sitti irkadheera; yeroo hundumaas sin jajadha.

[7] Ani namoota baay'eedhaaf nama dinqiin kee irratti mul'atun ta'e; ati immoo isa humna-qabeessa ani kooluu itti galuu dha.

[8] Ani afaan guutee sin jaja, guyyaa guutuus ulfina kee nan hima.

[9] Bara dullumaatti ana hin gatin, yeroo humni koo dhumus ana hin dhiisin!

[10] Diinonni koo waa'ee koo in dubbatu, warri riphanii jireenya koo balleessuu barbaadanis, walii wajjin anatti in koratu;

[11] isaan,“Waaqayyo isa dhiiseera, kan isa oolchu hin jiru, duukaa bu'aa qabaa” in jedhu.

[12] Yaa Waaqayyo, ana irraa hin fagaatin, yaa Waaqayyoo ko, ana gargaaruudhaaf ariifadhu!

[13] Warri diina anatti ta'an haa yeellaasifaman, haa dhumanis, warri miidhama koo barbaadanis arrabsoodhaaf salphina haa uffatan!

[14] Ani garuu ittuma fufeen si eeggadha, isa ani ittiin si jajadhu hundumaas ittan caalchisa.

[15] Afaan koo qajeelummaa kee in dubbata, lakkoobsa gochaa kee yoon hubachuu dhabaadhe iyyuu, fayyisuu kee guyyaa guutuu nan hima.

[16] Yaa Waaqayyo gooftaa, hojii aangoo kee ol fuudhuudhaaf nan dhufa; qajeelummaa isa kan keetii duwwaas jajuudhaan nan yaadadha.

[17] Yaa Waaqayyo, mucummaa kootii jalqabdee ati ana barsiifteetta; ani immoo amma iyyuu gocha kee isa dinqisiisaa nan labsa;

[18] irree kee dhaloota amma jirutti, aangoo kees dhaloota dhufu hundumaatti hamman himutti, dulloomee mataan koo harrii yoo ta'e illee, ati ana hin dhiisin, yaa Waaqayyo!

[19] Qajeelummaan kee baay'isee ol ka'aadha, yaa Waaqayyo! Ati wanta gurguddaa hojjetteetta, yaa Waaqayyo, kan akka keetii eenyu ree”

[20] Ati dhiphina baay'ee fi hammina anatti argisiifteetta, deebitees ana in jiraachifta; boolla lafaa isa gad fagoo keessaas deebiftee ol na fidda.

[21] Ati baay'ee ana in guddifta, deebiftees ana in jabeessita.

[22] Anis immoo amanamummaa keef kiraaraan sin galateeffadha, yaa Waaqayyoo ko! Maseenqoodhaanis sin faarfadha, yaa qulqulluu isa kan Israa'el!

[23] Yeroo ani faarfannaadhaan si jajadhu, afaan koo, lubbuun koo isheen ati furtes, sagalee gammachuu haa dhageessisan!

[24] Warri miidhama koo barbaadan yeella'anii waan qaana'aniif, arrabni koos immoo guyyaa guutuu waa'ee qajeelummaa kee haa dubbatu!

Macaafota Faarfannaa — Chapters