Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:52

[1] Waaqayyo mootii dha! Lafti gammachuu haa qabaattu! Biyyi bishaan keessaa warri baay'een haa gammadan!

[2] Duumessi ifaan, duumessi gurraachi dukkanaa'aanis isatti naanna'anii jiru, teessoon isaas qajeelummaa fi dhugaa irra dhaabate.

[3] Ibiddi fuula isaa dura in adeema, diinota isaa naannoo isaatii nyaatee in fixa;

[4] balaqqeessi isaa biyya lafaa in ibsa, lafti isa in arga, in rom'as;

[5] fuula Waaqayyoo duraa, fuula gooftaa guutummaa lafaa duraa, tulloonni akka gagaa in baqu.

[6] Bantiiwwan waaqaa qajeelummaa isaa in labsu, sabni hundinuus ulfina isaa in argu.

[7] Warri bifa fakkeenyaa dhaabbatanii hojjetaniif hundinuu, waaqayyolii tolfamaniinis warri of jajan in yeellaasifamu; waaqayyoliin hundinuu gooftichaaf in sagadu.

[8] Warri Xiyoon kana dhaga'anii in gammadu, ijoolleen Yihudaas firdii kennuu keetiif in ililchu, yaa Waaqayyo!

[9] Yaa Waaqayyo, ati guutummaa lafaa hundumaa gara irraa jirta, waaqayyolii hundumaa gara irraattis ol ol in jetta.

[10] Isin warri Waaqayyoon jaallattan wanta hamaa jibbaa! Inni lubbuu warra isaaf of kennanii in eega, harka jal'ootaas isaan in oolcha.

[11] Nama qajeelaaf ifni, warra gara-qajeelotaafis gammachuun in ba'a;

[12] qajeelota nana, Waaqayyotti gammadaa, seenaa qulqullina isaatiifis galata isaaf galchaa!

Macaafota Faarfannaa — Chapters