Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:10

[1] Waaqayyo mana namaa yoo ijaaruu dhabaate, warri isa ijaaran akkasumaan itti dadhabu; Waaqayyo mandara tokko yoo eeguu dhabaate, namni isa eegu akkasumaan eegaa bula.

[2] Isin bariidhaan kaatanii utuu gad hin taa'in hamma waariitti warri hojjettan, buddeena nyaataniifis warri dadhabdan akkasumaan in rakkattu; inni michoota isaatiif hirriba keessatti iyyuu akkuma kana in kennaaf.

[3] Ilaa ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti, dhala godhachuunis bu'aa inni namaaf kennuu dha.

[4] Ilmaan dargaggummaadhaan godhatan, akka xiyya harka jagnaa keessa jiruu ti.

[5] Namni warra akka xiyyaa kana mana guuttate, haa gammadu! Isaan lafa yaa'iitti diinota isaanii wajjin, yeroo walitti falman hin yeellaasifaman.

Macaafota Faarfannaa — Chapters