Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:01

[1] Cubbuun keessa garaa nama jal'aa isa gad fagootti in dubbata; kanaafis Waaqayyoon sodaachuun yaada namichaa keessa hin jiru.

[2] Namichi yakka isaa argee akka hin jibbinetti, akka yaada isaatiitti of gowwoomsuu isaa ti.

[3] Dubbiin afaan namichaa keessaa ba'u haxxumaa fi gowwoomsaa dha, inni ogummaadhaan hojjechuu, waan gaariis gochuu dhiiseera.

[4] Yeroo siree isaa irra jiru illee haxxumaa isaatiif mala in qopheessa, karaa gadhee irra bu'eera, hamaa kan ta'e immoo waan tokko hin tuffatu.

[5] Yaa Waaqayyo, gaarummaan kee hamma bantiiwwan waaqaa, amanamummaan kees hamma duumessootaa in ga'a;

[6] qajeelummaan kee akka tulloota kee jabaatee in dhaabata, firdiin ati kennitus, akka lolaa guddaa ittisa hin qabnee ti; nama, horii, bineensas situ gargaaree oolcha, yaa Waaqayyo!

[7] Yaa Waaqayyo, gaarummaan kee attam guddaa dha, dinqisiisaa dhas, ijoolleen namootaa gaaddisa bobaa kee jalatti kooluu in galu;

[8] isaan wanta mana kee keessa guuteen cidha in godhatu, bishaan laga gammachuu keetiis akka dhugan in goota;

[9] burqaan jireenya kennu si bira waan jiruuf, ifa keetiin ificha in argina.

[10] Gaarummaa kee warra si beekaniif, qajeelummaa kees warra gara-qajeelotaaf ittuma fufi!

[11] Miilli warra of bokoksanii ana irra hin ejjetin, harki warra jal'ootaas oofee biyyaa ana hin baasin!

[12] Ilaa! Warri hamaa godhan gad darbatamanii kufan; deebi'aniis ka'uu hin dandeenye.

Macaafota Faarfannaa — Chapters