Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:34

[1] Yaa Waaqayyo, aarii keetiin ana hin ifatin! Dheekkamsa keetiinis ana hin adabin!

[2] Anaaf gameera, ati anaaf oo'i yaa Waaqayyo! Namummaan koo guutummaatti roqomeera; ati na fayyisi yaa Waaqayyo!

[3] Lubbuun koos immoo baay'ee raafameera, ati garuu yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti turta?

[4] Yaa Waaqayyo, deebi'i, jireenya koos anaaf oolchi, gaarummaa keef jedhiitii na gargaari!

[5] Erga du'ee namni si yaadatu hin jiru, iddoo lafa jalaa keessaa immoo eenyutu si galateeffata?

[6] Ani aaduu kootiin dadhabeera, halkanuma dhuftu boo'uu kootiin siree koo nan tortorsa, iddoo ciisicha koo irras imimmaan nan lolaasa.

[7] Iji koo gadda irraa kan ka'e arguu dhabe, sababii warri na cunqursan hundinuu na gaddisiisaniifis, dadhabaa in adeema.

[8] Waaqayyo sagalee boo'icha koo dhaga'eerao, isin warri hamaa hojjettan hundinuu ana irraa fagaadhaa!

[9] Waaqayyo waammata koo dhaga'eera, Waaqayyo kadhata koo in fudhata;

[10] diinonni koo hundinuu in yeellaasifamu, sodaadhaanis baay'ee in raafamu; isaan of irra in gara galu, achumaanis in yeellaasifamu.

Macaafota Faarfannaa — Chapters