[1] Yaa Waaqayyo, si kattaa jabaa kootti nan iyyadha, ati ana jalaa hin didin! Akka warra boollatti gad bu'anii akka ani hin taanetti, ati ana jalaa calluma hin jedhin!
[2] Harka koo mana qulqullummaa kee keessaa gara iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluutti, yeroon ol kaafadhu sagalee himata koo isa ani gargaarsaaf sitti iyyadhu, anaaf dhaga'i!
[3] Warra jal'ootaa wajjin, warra hamaa godhanii wajjinis ana hin butin! Isaan garaa isaaniitti hamaa in yaadu, afaaniin immoo nagaa namatti in dubbatu.
[4] Ati akka hojii isaaniitti, akka gocha isaanii isa hamaatti isaaniif kenni! Akka hojii harka isaaniitti isaaniif kenni, amala isaan argisiisaniif waan ta'u isaanitti deebisi!
[5] Isaan gocha Waaqayyoo yookiis isa harki isaa hojjete waan hin ilaalleef, inni isaan in diiga malee, deebi'ee isaan hin ijaaru.
[6] Sagalee himata kootii waan anaaf dhaga'eef, Waaqayyoon nan jajadha!
[7] Waaqayyo aangoo koo ti, gaachana koo tis, garaan koo isa in amanata; ani gargaarsa argadheera, kanaafis garaan koo in ililcha; faarfannaa kootiinis galata isaaf nan galcha.
[8] Waaqayyo aangoo saba isaatii ti, isa ofii dibee moosiseefis gargaarsaa fi da'oo dha.
[9] Ati saba kee oolchi, warra kan keetiis eebbisi! Bara baraan tiksee isaanii ta'iif, ol fuudhii isaan baadhus!