Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:37

[1] Yaa Waaqayyo, Xiyoon irratti faarfannaadhaan si jajachuun in ta'a, wareegnis siif in baafama.

[2] Yaa isa kadhata namaa dhageessuu! Namni foon uffate hundinuu, cubbuu isaa wajjin gara kee in dhufa.

[3] Irra-daddarbaan keenya humna nu caaleera, ati garuu yakka keenya nuuf in dhiifta.

[4] Namni ati fo'atte oobdii mana kee keessa akka buufatuufis inni ati ofitti buttu haa gammadu! Wanta gaarii isa mana kee mana qulqullummaa keessatti argamuun in quufna.

[5] Yaa Waaqayyo ati nu oolchita, hojii isa guddaa sodaachisaadhaan qajeelummaadhaan deebii nuuf kennita; andaara lafaa hundumaaf galaanota fagoo jiraniifis ati amanannaa isaanii ti.

[6] Ati mi'a jabinaa hidhattee, humna keetiin tulloota dhaabde;

[7] huursaa galaanaa fi huursaa dha'aa isaa, waca namoota lafa irraas gab jechisiifta.

[8] Warri andaara lafaa jiraatan, milikkita argisiisuu kee irraa kan ka'e in sodaatu, lafa ganama biiftuun baatee galgala biiftuun lixutti, sagaleen gammachuu akka dhaga'amu in goota.

[9] Ati laficha in ilaalta, waan hundumaa irraa hafaa in laattaaf, guddiftes isa in badhaafta; lagni ati kenniteef bishaan guutuu qaba, namootas midhaan in argachiifta; akkas gootee qopheessiteetta.

[10] Bo'oo lafichaa bishaan baay'ee in obaafta, bungulluu isaas in bulleessita; tiifuudhaan isa in laafifta, biqila isaas in barakachiifta.

[11] Waggicha wanta gaarii si biraa dhufeen in gonfita, gara ati adeemtuttis faanni kee cooma in rooba;

[12] lafti qoddiin coomee margi isaa in labbeessa'a, gaaronnis akka waan mudhii isaaniitti hidhatanii ti, sagaleen gammachuu naannoo isaaniitti in dhaga'ama.

[13] Hoolonni bakkee isaa uffisaniiru, dachaa keessattis midhaan lafa dhokseera, hundumti isaaniis sagalee gammachuu dhageessisanii in faarfatu.

Macaafota Faarfannaa — Chapters