[1] Yaa Waaqayyo, namoota hamoota jalaa na baasi, warra humnaan nama irratti ka'anis ana irraa eegi!
[2] Isaan wanta hamaa garaa isaanii keessatti yaadanii in qopheessu, walitti fufaniis lola in kaasu;
[3] isaan arraba isaaniitiin akka bofaa nama in iddu, hidhii isaanii jalas hadhaa mar'ataatu jira.
[4] Harka warra jal'ootaa ana irraa eegi, yaa Waaqayyo! Namoota humnaan nama irratti ka'an, warra miilla koo qabanii na gufachiisuuf akeekkatanis na baraari!
[5] Namoonni waan guddaatti of ilaalan futtaasaa anaaf dhoksaniiru, kiyyoos funyoodhaan diriirsaniiru; meendoos karaa irra anaaf dhaabaniiru.
[6] Ani immoo gooftichaan, “Ati Waaqayyo koo ti” nan jedha, yaa Waaqayyo, gurri kee sagalee himata koo haa dhaggeeffatu!
[7] Yaa Waaqayyo gooftaa ko, gargaarsa koo isa aango-qabeessaa! Ati guyyaa lolaatti mataa koo anaaf golgiteetta.
[8] Nama jal'aadhaaf hawwasaa hin baasiniif, yaa Waaqayyo! Waan inni koratus fiixaan hin baasiniif!
[9] Warri na marsanii jiran mataa yoo ol qabatan, hamaan afaan isaanii keessaa ba'u itti deebi'ee isaan irra haa dambali'u!
[10] Barbadaan giimiin isaan irra haa bu'u, ibiddatti, boolla deebi'anii keessaa hin baane keessattis haa kuffifaman!
[11] Namni maqaa namaa balleessu biyya keessatti hundee hin godhatin! Isa humnaan nama irratti ka'us, wanti hamaan adamsee haa dhadha'u!
[12] Waaqayyo dubbii warra dhibamanii duukaa akka bu'u ani beeka; warra dhabaniifis dhugaa in baasa!
[13] Egaa warri qajeelonni maqaa keef galata in galchu, warri yaada qajeelaa qabanis fuula kee dura in jiraatu.