[1] Diinota koo jalaa na baasi, yaa Waaqayyoo ko! Iddoo warri ana irratti ka'an ana hin qaqqabnettis na eegi;
[2] warra jal'ina hojjetan jalaa na baasi, warra dhiiga namaa dhangalaasanis na oolchi!
[3] Ilaa isaan lubbuu koo baasuudhaaf riphanii ana eeggatu, ani immoo namatti hin darbine yookiis hin yakkine, yaa Waaqayyo! Warri humna namatti argisiisan garuu ana irratti wal ga'an.
[4] Ani balleessaa hin qabu, isaan immoo anatti fiiganii dhaabannaa in tolfatu; ka'i, anatti adeemii ana ilaalis!
[5] Ati yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, Waaqayyo isa kan Israa'el, saba lafa irraa hundumaatti ilaaluudhaaf ka'i! Warra amanamuu didanii jal'ina hojjetan hundumaatti araara hin argisiisin!
[6] Isaan galgala galgala deebi'anii, akka saree gururi'aa mandaricha keessa in naanna'u.
[7] Kunoo, afaan isaanii keessaa dubbii hin taane in baasu, arrabni isaaniis immoo akka billaa ti; “Silaa kan nu dhaga'u hin jiru” jechuun yaada isaanii keessa ture.
[8] Ati garuu yaa Waaqayyo, isaanitti in kolfita, saba lafa irraattis in ga'ifta.
[9] Yaa Waaqayyo aangoo ko, ati da'oo koo waan taateef, ani sin eeggadha,
[10] Waaqayyo koo gaarummaa isaatiin gara koo in dhufa; Waaqayyo warra na gaadan asii gad ilaale, akka ani gammadu in godha.
[11] Namoonni koo akka hin irraanfannetti, tokkichumaan isaan hin ajjeesin! Humna keetiin isaan joorsi, lafatti gad isaan deebisi, yaa gooftaa, yaa gaachana keenyaa!
[12] Warri sun in abaaru, sobas in dubbatu; dubbiin arraba isaanii, cubbuu afaan isaanii keessaa ba'u waan ta'eef, of gurguddisuu isaaniitiin haa qabaman;
[13] dheekkamsa keetiin badduu isaan baasi, badduu baasi, akka isaan hin argamnes godhi! Waaqayyo, ijoollee Yaaqoob irratti hamma andaara lafaattis mootii ta'uu isaa haa beekan!
[14] Isaan galgala galgala deebi'anii, akka saree gururi'aa mandaricha keessa in naanna'u.
[15] Nyaataaf asii fi achi in jooru, yoo quufuu dadhaban immoo of in nyaatu.
[16] Ani garuu waa'ee aangoo kee nan faarfadha, gaarummaa keetiifis ganama ganama sagalee gammachuu nan dhageessisa. ati anaaf da'oo taateetta, guyyaa rakkinni ana irra ga'ettis iddoo baqannaa anaaf taateetta.
[17] Yaa Waaqayyo aangoo ko, mi'a garaa garaatiin sin faarfadha, ati da'oo koo ti, Waaqayyo koo isa gaarummaa anatti argisiisuu dhas!