[1] Yaa Waaqayyo, gurra kee gara dubbii kootti qabi, isa ani hasaasee sitti himadhus yaadatti anaaf fudhadhu!
[2] Ani sin kadhadha yaa mootii ko, yaa Waaqayyoo ko, sagalee iyya kootii dhaggeeffadhu!
[3] Yaa Waaqayyo ganama sagaleen koo si biratti in dhaga'ama, ganama ofii koo siif nan qopheessa, gara kees nan ilaala.
[4] Ati yaa Waaqayyo, isa jal'inni itti tolu miti'o, hamaanis si bira hin buufatu.
[5] Warri of jajanis ija kee dura hin dhaabatan, warra wanta waa'ee hin baafne hojjetan hundumaas in jibbita.
[6] Warra soba dubbatan lafa irraa in balleessita, Waaqayyo warra dhiiga namaa dhangalaasanii fi warra nama wallaalchisan in ciigga'a.
[7] Ani garuu gaarummaa kee isa baay'eedhaan gara mana keetti ol galuun anaaf kennameera; ulfinaan si sodaachuudhaanis, gara mana qulqullummaa keetti gara galee kufee siif nan sagada.
[8] Yaa Waaqayyo, sababii warri adeemsa koo caqasan jiraniif, ati qajeelummaa keetiin na geggeessi! Karaa kees fuula koo duratti anaaf qajeelchi!
[9] Afaan warra akkasii keessaa dubbiin dhaabataan hin ba'u, keessa mar'umaan isaanii badiisatu jira, afaan isaaniitiin gara awwaala banamaatti nama geessu, arraba dhadhaa dibatanii in dubbatu.
[10] Egaa isaan si irratti ka'aniiru, yaa Waaqayyo, yakkitoota ta'uu isaanii beeksisi! Isaan haa kufan, mareen isaaniis lafatti haa hafu! Baay'ina irra-daddarbaa isaaniitiif bakkeetti isaan gati!
[11] Warri kooluu sitti galan hundinuu garuu haa gammadan, bara baraanis haa ililchan! Ati warra maqaa kee jaallatan waan eegduuf; isaan sitti haa gammadan!
[12] Yaa Waaqayyo, ati nama qajeelaa in eebbifta, tolli kees karaa hundumaa gaachana in ta'aaf.