Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:39

[1] Ani,“Arraba kootiin cubbuu akkan hin dubbannetti, lafan dhaqu hundumaatti of nan eeggadha; hamma namni jal'aan ana bira jirutti, akka ani hin dubbanne eeggachuufis afaan koo nan hidha” jedhe.

[2] Wanti gaariin ana irraa fagaate; ani akka nama arrabni isaa didee nan ta'e, waan tokkos hin dubbanne; dhukkubni koo inni na waraanu garuu caalaa anatti in dhaga'ame.

[3] Garaan koo na gubate, yaada koo keessattis ibiddi anatti in qabate; kana irratti arrabni koo in dubbate.

[4] “Yaa Waaqayyo, dhuma jireenya koo barri jireenya koos hammam akka ta'e na beeksisi; attam ariifadhee darbuuf akkan jirus na barsiisi!”

[5] Kunoo, ati bara koo hamma taakkuu goote, barri jireenya koos fuula kee duratti wayitti hin galtu; eyyee, nama ta'ee kan argamu hundinuu akkuma qilleensa shuf jedhuu ti.

[6] Namni akkuma gaaddisaa in darba, ofumaas in iyya; namni wal irra in tuula, abbaa fudhatus hin beeku.

[7] Egaa maalan eeggadha yaa gooftaa” Abdiin ani qabu si!

[8] Warra anatti darban harkaa na baasi, warra gowwootaaf muka kolfaa ana hin godhin!

[9] Situ akkas akka ta'u godhe, kanaaf ani hin dubbadhu, afaan koos hin saaqadhu;

[10] harka kee isa anatti ulfaatu jalatti akkan badduu hin baanetti, dha'icha kee ana irraa fuudhi!

[11] Sababii yakkaatiif nama ifattee in adabda, wanta isa irraa nama gammachiisus hundumaa, akkuma ololeen nyaatutti ijaajjiitti in fixa; eyyee, nama ta'ee kan argamu hundinuu akkuma qilleensa shuf jedhuu ti.

[12] Yaa Waaqayyo, ati kadhata koo anaaf dhaga'i, gurra kees gara iyyata kootti qabi! Imimmaan koo ilaali malee, ana jalaa calluma hin jedhin! Anoo akkuma abboota koo, si duratti keessummaa dha, kara-adeemaa dhas.

[13] Utuun hin godaanin, lafa irraas utuun hin dhabamin, takka fuulli koo akka ifutti, nyaara guurtee ana hin ilaalin!

Macaafota Faarfannaa — Chapters