[1] Garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha yaa Waaqayyo! Gocha dinqisiisaa ati goote hundumaas nan hima.
[2] Ani sitti nan gammada, nan burraaqas; maqaa kees faarfannaadhaan nan jajadha, yaa aabba!
[3] Kunis diinonni koo gara booddee isaanii waan deebi'aniif, kufaniis fuula kee duraa waan balleeffamaniif;
[4] ati dubbii koo ilaaltee anaaf faraddeetta, abbaa firdii isa qajeelaa waan taateef, barcuma firdii irra teesseetta.
[5] Ati saba lafa irraa hundumaa ifattee, warra jal'ootas balleessitee, maqaan isaaniis yeroo hundumaa baruma baraan akka hin yaadatamne in goote.
[6] Diinonni bara baraan caccabanii dhumaniiru, ati mandaroota isaanii iddoodhaa balleessiteetta, seenaan isaaniis badeera.
[7] Waaqayyo immoo bara baraan teessoo isaa irra jira, barcuma firdii isaas jabeessee dhaabateera.
[8] Inni biyya lafaa qajeelummaadhaan in seerrata, saba hundumaafis firdii qajeelaa in kenna.
[9] Waaqayyo, warra gad qabamaniif da'oo ol jedhaa dha, isaan yeroo rakkinaatti da'oo isa in godhatu.
[10] Yaa Waaqayyo, warri maqaa kee beekan kooluu sitti in galu, ati warra si barbaadan hin ganne'o.
[11] Waaqayyoon isa Xiyoon irra teessoo isaa dhaabate faarfannaadhaan jajadhaa! Hojii isaa hundumaas saba lafa irraatti labsaa!
[12] Inni dhiiga dhangala'eef gumaa baasu, warra gadadamoo in yaadata, wawwaannaa isaaniis hin irraanfatu.
[13] Yaa Waaqayyo anaaf oo'i! Gadadamuu koo isa warra na jibban biraa anatti dhufe ilaali! Afaan boollaa irra yoon ga'e iyyuu, ati ol na deebisi!
[14] Yommus ani waanan ittiin si jajadhu hundumaa karra Xiyoon keessatti nan hima, na gargaaruu keetiifis walga'ii ijoollee ishee duratti guddaa nan gammada.
[15] Sabni lafa irraa boolla ofii isaaniitii qotanitti gad in liqimfaman; kiyyoodhuma dhoksaniinis miilli isaanii in qabame.
[16] Waaqayyo, firdii kennuu isaatiin of beeksise, namni jal'aan waan harka isaatiin hojjeteen in korokkodame. [Sagalee mi'a ribuu qabutu gidduutti dhageessifame.]
[17] Warri jal'oonni gara iddoo lafa jalaatti gad haa bu'an, lafa irraa warri Waaqayyoon irraanfatanis akkasuma gad haa lixan.
[18] Warri wanta barbaachisaa dhaban, irraanfatamanii hin hafan, abdiin warra gadadamoos bara baraan hin badu.
[19] Yaa Waaqayyo, humni namaa harka akka hin fudhannetti, ati ka'i! Sabni lafa irraa si duratti firdii akka fudhatan godhi!
[20] Yaa Waaqayyo, sabni lafa irraa namootuma foon uffatan duwwaa ta'uu isaanii akka beekaniif, ati pherpheramuu isaanitti fidi!