[1] Dubbiin gaariin garaa koo guutee irraa in hafa, wanti ani qopheessu kunis mootiidhaaf in ta'a; arrabni koo akka birii nama waa caafuutti beekamee ti.
[2] Ilmaan namaa keessaa ati miidhaginaan hundumaa irra in caalta; afaan kees namatti in tola; kanaan Waaqayyo bara baraan si eebbiseera.
[3] Ati yaa jagnaa, billaa kee mudhii keetti hidhadhu; ulfina kee fi guddina kee argisiisi!
[4] Guddina keetiin ba'i, dubbii dhugaa fi garraamummaaf, qajeelinaaf fe'adhu ka'i! Harki kee mirgaas gocha sodaachisaa sitti in argisiisa!
[5] Xiyyooliin kee qara-qabeeyyii dha, onnee diinota mootichaas in waraanu, sabni warri kaan immoo si jalatti in kufu.
[6] Teessoon kee inni Waaqayyo siif kenne, yeroo hundumaaf kan bara baraa ti, uleen mootummaa kees ulee qajeelummaa ti;
[7] ati qajeelina jaallattee jal'ina jibbite, kanaaf Waaqayyo gooftaan kee dibata gammachuutiin si dibee, hiriyoota kee akka caaltu in godhe.
[8] Uffanni kee hundinuu qumbiidhaan, sabiriidhaan, solloqqee muka urgooftuutiin in gilimbisa; mana mootummaa isa ilka arbaatiin miidhagfame keessaas, sagaleen mi'a ribuu qabuun dhageessifamu si gammachiisa;
[9] intaloonni moototaa warra si biratti ulfina argatan keessa jiru; misirroon warqee biyya Ofiir naqattes gara mirga kee in dhaabatti.
[10] Dhaga'i yaa intalo, as ilaali, gurra kees as qabi, namoota kee, mana abbaa kees irraanfadhu!
[11] Mootichi miidhagummaa keetiif si hawwa, inni gooftaa kee waan ta'eef, ati ulfina isaaf kenni!
[12] Namoonni Xiiroosii fi sooressonni biyyaa, harka-fudhaa isaanii fidanii sitti dhi'aachuu in barbaadu.
[13] Intalli mootii uffata warqeedhaan kuulame uffattee, ulfinaan diinqa ishee jirti;
[14] uffata ishee isa kuula baay'ee qabuun gara mootichaatti in geeffamti, durboonni ishee geggeessanis ishee wajjin gara isaa in dhaqu;
[15] yommus isaan gammachuu fi ililleedhaan geggeeffamanii, mana mootichaatti ol in galu.
[16] Ilmaan kee iddoo abboota kee in bu'u, ati lafa hundumaatti akka isaan biyya mo'an in goota;
[17] dhalootaa hamma dhaloota hundumaatti, maqaan kee galataan akka yaadatamu nan godha; kanaafis namoonni lafa irraa yeroo hundumaa bara baraan si jajatu.