Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:05

[1] Iji koo gara gaarotaatti ol in ilaala, gargaarsi koo eessaa dhufa”

[2] Gargaarsi koo Waaqayyo biraa in dhufa; inni immoo isa bantiiwwan waaqaa, lafas uumee dha.

[3] Inni miilli kee akka sigigaatu hin godhu, inni si eegus hin mugu.

[4] Kunoo inni Israa'elin eegu, matumaa hin mugu, hin rafus.

[5] Waaqayyo si eega, Waaqayyo gaaddisa kee ti, inni gara mirga kee jira.

[6] Guyyaa aduun si hin rukutu, halkanis ji'i si hin miidhu.

[7] Waaqayyo hamaa hundumaattii si eega, inni jireenya kee in eega.

[8] Waaqayyo gad ba'uu kee, ol galuu kees ammaa jalqabee hamma bara baraatti in eega.

Macaafota Faarfannaa — Chapters