Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:16

[1] Yaa Waaqayyo mootii ko, guddina kee nan beeksisa, yeroo hundumaa baruma baraan maqaa kee nan eebbisa.

[2] Guyyuma guyyaan ulfinaan sin jajadha, yeroo hundumaas baruma baraan maqaa kee nan jajadha.

[3] Waaqayyo guddaa dha, guddisee kan jajamuu dha; guddinni isaas qoramee bira hin ga'amu.

[4] Dhaloonni tokko hojii kee dhaloota isa kaanitti in jaja, hojii aangoo kees in labsa.

[5] Isaan waa'ee simboo ulfina kee, waa'ee surraa kee, waa'ee hojii kee isa dinqisiisaas itti yaadanii in dubbatu.

[6] Isaan waa'ee aangoo hojii kee isa guddaa sodaachisaa in dubbatu; anis guddina kee nan hima.

[7] Isaan seenaa baay'ina arjummaa kee gad in jijjigsu, qajeelummaa kees sagalee gammachuutiin in dhageessisu.

[8] Waaqayyo araara-qabeessaa fi oo'a-qabeessa; aariitti suuta in jedha, gaarummaan isaas guddaa dha.

[9] Waaqayyo nama hundumaaf gaarii dha; hojii harka isaa hundumaafis in oo'a.

[10] Hojiin harka kee hundinuu galata siif in galchu, yaa Waaqayyo, warri siif of kennan hundinuus ulfinaan si jaju!

[11] Isaan waa'ee ulfina mootummaa kee in dubbatu, waa'ee hojii aangoo kees in himu.

[12] Hojii kee isa aango-qabeessa, ulfina mootummaa kee isa simbo-qabeessas, ilmaan namootaatti beeksisuudhaaf kana in godhu.

[13] Mootummaan kee mootummaa baraaf bara hundumaa ti, mo'uun kee dhalootaa hamma dhaloota hundumaatti; [Waaqayyo dubbii isaa hundumaatti amanamaa dha, hojii isaa hundumaattis gaarummaa in argisiisa.]

[14] Waaqayyo warra kufuuf jedhan hundumaa qabee in oolcha, warra gad deebi'an hundumaas ol in kaasa.

[15] Iji hundinuu abdiidhaan si eeggata, atis soora isaanii yeroo ta'utti isaaniif in laatta.

[16] Ati harka kee in diriirsita, fedha warra lubbuu qaban hundumaas in quufsita.

[17] Waaqayyo karaa hojjetu hundumaatti qajeelaa dha, hojii isaa hundumaattis gaarummaa in argisiisa.

[18] Waaqayyo warra isa waammatan hundumaatti, warra dhugaadhaan isa waammatan hundumaatti dhi'oo dha.

[19] Inni fedha warra isa sodaatanii fiixaan in baasa; iyya isaaniis immoo in dhaga'a, isaan in oolchas.

[20] Waaqayyo warra isa jaallatan hundumaa in eega, warra jal'oota hundumaa garuu in balleessa.

[21] Afaan koo jajannaa Waaqayyoo haa dubbatu! Foon kan uffate hundinuus yeroo hundumaa, baruma baraan maqaa isaa isa qulqulluu haa eebbisu!

Macaafota Faarfannaa — Chapters