[1] Anoo Waaqayyotti kooluu galeera, isin attamitti, “Akka allaattii tulluu keetti ol baqadhu!” anaan jechuu dandeessu ree”
[2] Kunoo warri jal'oonni, dukkana keessa warra gara-qajeelotatti gad dhiisuudhaaf, iddaa dabsataniiru, xiyya isaaniis ribuutti kaa'ataniiru.
[3] Wanti gaarii ta'ee namaaf hojjetu hundinuu hundeen isaa yoo diigame, namni qajeelaan maal gochuu danda'a ree”
[4] Waaqayyo mana qulqullummaa isaa keessa jira, Waaqayyo teessoo isaa waaqa irraa qaba; ija isaatiin ilmaan namaa in arga, agartuun isaas namoota qoree in ilaala.
[5] Waaqayyo, nama qajeelaa, nama jal'aas in qora, isa humnaan nama irratti ka'uu jaallatus garaa guutuudhaan in jibba.
[6] Inni barbadaa ibiddaa, dhagaa boba'us jal'oota irratti in roobsa, qoodi isaaniis qilleensa gubaa finiinaa dha;
[7] Waaqayyo qajeelaa dha, inni hojii qajeelaa in jaallata; warri waan qajeelaa hojjetan fuula isaa arguuf jiru.