Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:05

[1] Waaqayyo biyya Yihudaatti beekamaa dha, maqaan isaas biyya Israa'elitti guddaa dha;

[2] godoon isaa mandara Saalem keessa, iddoon buufata isaas Xiyoon keessa in dhaabate.

[3] Inni achitti xiyya phal phal jechaa adeemu, gaachana, billaa, mi'a lolaas in cabse.

[4] Ifni si irraa in finiina, tulloota “Tulluu boojuu” jedhamanii beekaman caalaattis ati surra-qabeessa!

[5] Warri onneen isaanii guutuu iyyuu mi'i isaanii saamamee, hirriba hin-kaane in rafan; namoonni loltuun hundinuu, harka isaaniitiin waa hojjechuu hin dandeenye.

[6] Yaa Waaqayyo isa kan Yaaqoob! Ifata keetiin abbaan fardaa, fardi isaas of wallaalanii in ciciisu.

[7] Ati garuu guddaa sodaachisaa dha, yeroo dheekkamsi kee ka'u, eenyu si dura dhaabachuu danda'a ree”

[8] Yeroo ati bantiiwwan waaqaa keessaa firdii dhageessifte, lafti immoo sodaattee calluma jette;

[9] Waaqayyo warra biyya lafaa kana irratti cunqurfaman oolchuudhaaf, firdii jabeessee dhaabuuf in ka'a.

[10] Dheekkamsi namootaa iyyuu ati caalaa akka jajamtu in godha, dheekkamsa isa irraa hafus akka mi'a miidhaginaatti ofitti in hidhatta.

[11] Wareega gooftaadhaaf wareegaa, isa wareegdanis Waaqayyo keessaniif baasaa! Warri naannoo isaa jiraatan hundinuu kennaa isaaf, isa sodaatamu sanaaf haa fidan!

[12] Inni hafuura isa warra gurguddoota keessaa ka'u gad in deebisa, inni mootota lafa irraas guddaa in sodaachisa.

Macaafota Faarfannaa — Chapters