[1] Waaqayyoon jajadhaa! Walga'ii gara-qajeelotaa keessatti, waldicha keessattis Waaqayyoon garaa guutuudhaan nan galateeffadha!
[2] Wanti Waaqayyo hojjete hundinuu guddaa dha, warra itti gammadan hundumaaf kan qoramee bira ga'amee dha.
[3] Gochaan isaa surra-qabeessaa fi miidhagaa dha, qajeelummaan isaas yeroo hundumaaf jabaatee in dhaabata.
[4] Hojiin isaa inni dinqisiisaan akka yaadatamu godhe, Waaqayyo araara-qabeessa, oo'a-qabeessas.
[5] Inni warra isa sodaataniif soora in kennaaf, kakuu isaas bara baraan in yaadata.
[6] Wanta dhuunfaa saba lafa irraa ta'e isaaniif kennuudhaan, hojii aangoo isaa namoota isaatti mul'iseera.
[7] Hojiin harka isaa hundinuu amanamaa dha, dhugaa dha, abboommiin isaa hundinuus amansiisaa dha;
[8] isaan amanamummaa fi qajeelummaadhaan hojjetaman, yeroo hundumaaf baruma baraan jabaatanii in dhaabatu.
[9] Inni furii saba isaatiif erge, kakuun isaa bara baraan akka eegamu abboomeera, maqaan isaa immoo qulqulluu dha, sodaachisaa dhas!
[10] Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti, warri isa duukaa bu'anii hojjetan hubannaa gaarii qabu; Waaqayyoon jajachuunis yeroo hundumaaf jabaatee in dhaabata.