Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:11

[1] Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, iddoon buufata kee maal maal namatti tolaa!

[2] Lubbuun koo oobdii mana Waaqayyoo yaaddee in gaggabdi! Lubbuun koo fi foon koo Waaqayyo isa jiraataatti gammadanii in ililchu.

[3] Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, mootii koo Waaqayyo koos, iddoo aarsaa keetti dinbiitiin illee mana, girrifnis mann'ee cuucota ishee keessa kaa'attu argatte;

[4] warri mana kee keessa jiraatanii, yeroo hundumaas jajuu kee faarfatan haa gammadan!

[5] Namoonni gara mana keetti adeemuu garaa keessaa qabaatanii si biraa humna argatan, haa gammadan!

[6] Isaan yeroo dachaa gogee nama boosisu keessa adeeman, iddoo sana lafa bishaan burqu in godhatu; bokkaan inni dura roobus eebba isa irra in diriirsa.

[7] Isaan caalaa humna godhachaa in adeemu, tulluu Xiyoon gubbaatti fuula Waaqayyoo duratti in argamu.

[8] Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, kadhata koo anaaf dhaga'i, yaa Waaqayyo isa kan Yaaqoob, gurra kee as qabi!

[9] Yaa Waaqayyo, gara gaachana keenyaa ilaali, fuula isa dibdee moosiftees ilaali!

[10] Iddoo biraa guyyaa kuma tokko ooluu irra, oobdii kee keessa guyyaa tokko ooluu wayya; godoota jal'inaa keessa taa'uu koo irra, balbala mana Waaqayyo koo dura ijaajjuu nan fo'adha.

[11] Waaqayyo gooftaan biiftuu dha, gaachanas; inni ayyaana, ulfinas in kenna; gooftichi wanta gaarii ta'e warra balleessaa malee deddeebi'an duraa hin hambisu.

[12] Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, namni si amanatu gammachuu attamii qaba!

Macaafota Faarfannaa — Chapters